ONM-ABO Amajjii 14, 2025
Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraanni goolessituun PP sababoota garaa garaa bu’uura godhachuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu” jedhuun akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesaa, hidhaa, reebaa fi saamee dararaa jira.
Aanaa Gidaamii ganda Gaara Kormaa jedhamu irraa loltoonni PP, “ilma keessantu WBO keessa jira; meeshaa waraanaa manaa qabdu” jechuun Amajjii 10, 2025 Obbo Tashoomaa Ciibsaa fi ilma isaanii dargaggoo Waaqtolaa Tashoomaa irratti reebicha ulfaataa ta’e raawwachuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen keenya himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa kanneen qaban yoo ta’an, kaadiroonni fi waraanni maafiyaan PP garuu badii isaanii malee sobaan yakkanii hidhaatti darbachuu himan.

