ONM-ABO Amajjii 16, 2025
Godina Baalee Lixaa bulchiinsa magaalaa Roobee keessatti maqaa ijaarsa “Kooriidarii” jedhuun wayita ammaa ergamtoonni sirna nama nyaataa PP manneenii fi qabeenya hawaasaa beenyaa tokko malee dirqamaan diiganii jalaa mancaasaa jiraachuu jiraattonni magaalaa Roobee dubbisne tokko tokko miira aarii fi mufannaatiin Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Sababa kanaanis hawaasni magaalaa dinagdeen isaa daldala qofa irratti bu’ureeffamee jiru waan hojjetee bulu dhabuun, jiruu gadadoo harka namaa ilaaluutiif saaxilamaa kan jiru ta’uu jiraattonni dubbisne itti dabaluun eeranii jiru.
Akkuma beekamu yeroo ammaa kana ijaarsi piroojektiiwwan gosa garaa garaa hedduun isaanii impaayerattii bakkeewwan addaa addaatti eegalamanii qabeenyi jiraattotaas erga jalaa manca’ee, kufaatii dinagdee hamaa murna Bilxiginnaa mudatee jiru irraa ka’uun, dhibbantaan tokko illee osoo hin hojjetamin adda citaa kan jiru ta’uun ni beekama.

