Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti ergamtoonni Abiy Ahimed jiraattota dararuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Amajjii 19, 2025 

Waraanni silaa lolee daangaa biyyaa kabachiisuu malu, waa’ee dantaa daangaa biyyaa dhiisee gara uummata isaatti deebi’uun dararaa ulfaataa geessisuu itti fufee jira.

Aanaa Saqqaa Coqorsaa bakkeewwan addaa addaatti ergamtoonni sirna nama nyaataa PP sababoota garaa garaa wabeeffachuun dararaa ilmaan Oromoo irraan gahan hammeessuun, yeroo ammaa kanas maqaa misooma Sululaa (Daagaa) jedhuun gandoota akka: Ushaanee Qoocee, Meexxii Abbayyii fi Gibee Boosoo keessaa jiraattonni ba’anii akka lafa qotaniif dirqamsiisaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, sanuu waqtii bonaa aduu saafaa keessa lafa gogaa dirqamaan qotuu qabdu jedhamuun hawaasni humnaa ol dararamaa jiraachuu himuun, namni hojii kanatti hin bobbaanes gaaffii tokko malee hidhaatti guuramaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version