Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Matakkal Aanaa Bulaan keessatti loltoonni maafiyaan Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Amajjii 19, 2025 

Loltoonni faashistii Abiy Ahimed lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhaban hawaasa nagaatti deebi’uun dararaa suukkaneessaa ta’e raawwachaa kan jiran ammallee haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa irraa dararuu cimsanii itti fufanii jiru. 

Godina Matakkal aanaa Bulan keessatti waraanni sirna nama nyaataa PP, sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf jiraattota aanichaa mana isaanii keessaa ukkaamsanii gara mana hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru. 

Ganda Cuultii ykn Mooraa jedhamu irraa Amajjii 13, 2025 “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” maqaa jedhuun sobaan yakkamuun namootni maqaan isaanii:

  1. Mulaalem Baqqalaa, 
  2. Hundaasaa Baqqalaa, 
  3. Mulaatuu Taakkalee, 
  4. Addaamuu Qananii fi 

kanneen biroo hedduun badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf mana hidhaatti dararamaa jiraachuu isaanii jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.

Exit mobile version