ONM-ABO Amajjii 17, 2025
Loltoonni faashistii Abiy Ahimed lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhaban hawaasa nagaa gara maatii qabsaa’otaatti deebi’uun dararaa suukkaneessaa ta’e raawwachaa kan jiran ammallee haala duraan raawwachaa turaniin olitti ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa irraa dararuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Martii magaalaa Abboomsaa irraa loltoonni PP “hidhata WBO qabdu” jechuun Amajjii 8, 2025 badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Mahaammadamiin Galatoo,
- Tamaam Edabooree fi
- Jamaal Ahimad jedhaman irratti
reebicha ulfaataa ta’e erga raawwatanii booda hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.
Akka maddeen keenya himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessaa qooda kan hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa kanneen qaban ta’anis, sobaan yakkamanii maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun hidhaatti darbatamuu dubbataniiru.

