ONM-ABO Amajjii 21, 2025
Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa ilmaan Oromoo hiraarsaa kan oolu murni nama nyaataan sirnichaa, impaayera kufuuf deemtu utubuuf jecha maatii qabsaa’otaa jumlaan hidhaatti guuruun dararuu jabeessee jira.
Aanaa Gunaa ganda Adalee Baaduu jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu” jedhuun Amajjii 17, 2025 badii tokko malee ukkaamsuun namoota maqaan isaanii:
- Misbaahu Haajii Xaahir,
- Kadir Ahimad,
- Mo’aaz Kaffaalee,
- Usmaa’el Amiinoo,
- Taajuu Nuuraa,
- Qaadii Tarree,
- Abbuu Abdallaa Mohammad,
- Abaatee Qaasimii fi
kanneen biroo hedduu maqaa adda addaa itti maxxansuun yakkanii waajjira poolisii aanichaatti hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akkasumas aanichaatti maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun namoonni danuun hidhaatti darbatamanii dararamaa jiraachuun ibsameera.

