ONM-ABO Amajjii 21, 2025
Aanaa Yamaaloogii Walal ganda Akuukkuu jedhamutti Amajjii 19, 2025 galgala naannoo sa’a 2:00’tti milishoonni PP dhugaatii dhugaanii machaa’uun walii isaaniitii walitti dhukaasuun walii isaanii irraa milishaa tokko ajjeesuu irra darbee nama nagaa tokko kan maqaan isaa Guddataa Bulii Bashaanaa jedhamu rasaasaan rukutanii ajjeesuu isaanii maddeen ONM’tti himaniiru.
Machooftonni milishaa PP kunneen sabbata haadha hiyyeessaa saamanii giiphii naqachuun hanga fedhan nyaatanii dhugaatii alkooliin sammuu isaanii wallaaluun milishaa isaan waliin taa’u tokko battalatti ajjeesuun, nama nagaa siyaasa kam keessa hin jirre harka machiin rasaasa kan itti roobsan ta’uun dabalataan ibsameera.
Magaalota Oromiyaa biroo irratti illee bifuma walfakkaatuun araqeetii hanga wuskiitti dhuganii waan Saayinsii waraanummaa cabsu dalagaa kan oolan ta’uun ni beekama.
Naamusaa waraanaa tokko irraa eegamu kan hin qabne waraanni maafiyaan impaayerattii akkuma argan bobbaafamuun rakkoo keessoo isaaniitti uumamuu fi amala fafummaa agarsiisaa oolaniin dhugaatii dhuganii machaa’uun waliima isaaniin walitti garagaluun lubbuu walii isaanii balleessaa kan jiranii fi hawaasa nagaa illee kan ajjeesaa jiran ta’uu yeroo adda addaatti isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

