ONM-ABO Amajjii 23, 2025
Erga Duulli Cichoomina Kaayyoo Zooniilee Waraana Bilisummaa Oromoo cufatti yeroo wal fakkaataa labsamee, lolli bilisummaaf taasifamu fiingee tokkoon eegalee as, humna waraanaa Bilxiginnaan qabdu bakkeewwan addaa addaatti WBO’n dhabama taasisaa jiraachuu irraan kan ka’e, hedduun isaanii haleellaa kana rifachuun illee harka kennachaa jiru. Qaawwaa mooraa waraana Bilxiginnaa keessatti uumamaa jiruuf yeroo ammaa kana murni Bilxiginnaa egeree impaayerattiif humna waraanaa of harkaa qabu irraa amantaa dhabuun, tibba kana ergamtoota isaa bobbaasee haala duraan barameen olitti goleewwan Oromiyaa cufa keessaa jiraattota saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin adamsanii ari’anii qabuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiru.
Aanaa Booraa ganda Baartaa Saamii irraa Amajjii 17, 2025 namootni maqaan isaanii:
- Obbo Kaboo Abbishuu,
- Taaddasaa,
- Bulloo Guutamaa,
- Biyoo Miidhaksoo,
- Donii Kushuu,
- Fayoo Kafanii fi
kanneen biroo hedduun leenjii milishummaaf ukkaamfamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Gandicha keessatti kaabineen Bilxiginnaa maqaan isaa Addunyaa jedhamu ilmaan Oromoo irratti akka malee dararaa geessisaa jira.
Kana malees, aanicha keessatti saamichi maqaa kaffaltii gosa garaa garaa itti dhahuun lammiilee harka qalleeyyii irratti geggeefamus garmalee hammaatee jiraachuun dabalataan ibsameera.

