ONM-ABO Amajjii 24, 2025
Saba Oromoo dachee Oromiyaa irraa dhabamsiisuuf guyyaa guyyaan dhiiga qulqulluu dhangalaasaa kan oolu Abiy Ahimed waraana isaa golee Oromiyaa maratti bobbaasuun qaqqaaliiwwan ilmaan Oromoo lafa irraa duguugaa jira.
Waraanni sirna dhableessi impaayerattii aanaa Qondaalaa ganda Shongee jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Mahaammadnuur Kidii jedhamu osoo inni gara hojii isaa deemaa jiruu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM dubbise himaniiru.
Akka jiraattonni gocha dabaa waraanni maafiyaan PP raawwate kana ijaan argan himanitti, dargaggoon kun hirmaannaa siyaasaa qaama kamiiyyuu kan hin qabnee fi hawaasa naannoo birattis jaallatamummaa guddaa kan qabu ta’uu himuun, dhiheenyattis bultii dhaabbachuuf qophii irra akka jirus dubbataniiru.

