Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellam Wallaggaa Aanaa Anfilloo irraa lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota jumlaan hidhaatti guuruu itti fufan

ONM-ABO Amajjii 25, 2025 

Karooraa fi sagantaa hojii kan hin qabne murni Bilxiginnaa, kutaalee Oromiyaa mara keessaa maatii qabsaa’otaa fi jiraattota jumlaan ukkaamsuun hidhaatti guuruu jabeessee jira.

Aanaa Anfilloo ganda Gayii jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii namoota maqaan isaanii:

  1. Toltuu Taarikuu,
  2. Atoomee Mitikkuu,
  3. Solomoon Bashaa fi 

kanneen biroo hedduu Amajjii 20, 2025 badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Akkuma aanichaatti maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun namoonni danuun hidhaatti darbatamanii dararamaa kan jiranii fi jiraattonni hedduun badii tokko malee dararaa ulfaataa argaa kan jiran yoo ta’u, Roobii darbe galgala ammoo dargaggoota 5 bakka tokkotti ajjeesanii gatuu isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version