ONM-ABO Amajjii 25, 2025
Ergamtootni murna Bilxiginnaa tibbana aanaa Harxummaa Fursee gandoota garaa garaa fi magaalaa Fursee keessaa hawwanii fi abbootii warraa hedduu yakka tokko malee ukkaamsanii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu akkuma ammaan dura yeroo adda addaatti isiniif gabaasaa turre, yeroo ammaas haala duraan barameen olitti jabeessanii itti fufanii jiru.
Jiraattuu aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Fursee kan taate haadha ilmaan lamaa maqaan ishee Aadde Kaddoo Dheeressee jedhamtu hidhattootni sirnichaa Amajjii 23, 2025 galgala halkan toora sa’atii 2:30’tti dirqiin balbala irratti rukutuun bansiisanii garmalee erga reebaniin booda mana isheetii fuudhanii deemuun buufata waraanaa isaanii mana barumsaa magaalichaatti geeffachuu jiraattotni magaalaa Fursee ONM’tti himaniiru.
Haadhi kun siyaasa paartii dhaaba kamiiyyuu kan hin hordofne ta’uu jiraattotni himuun, hidhattootni sirnichaa ammoo dharaan yakkuun maqaa hidhata WBO qabda jedhuun hidhanii rakkisaa jiraachuu dubbatan.

