Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti loltootni sirnichaa harmee tokko reebuun yoo hidhan, manneen namootaas caccabsuu itti fufan

ONM-ABO Amajjii 24, 2025 

Jiraattuu aanaa Harxummaa Fursee ganda Dhakaa Kaatee kan taate Aadde Sufaalaa Huusiyyoo haadhi daa’imman lamaa Amajjii 23, 2025 maqaa WBO nyaachifta jedhuun hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin garmalee reebamtee magaalaa Fursee buufata waraana PP mana barumsaa magaalichaatti hidhamtee dararamaa jiraachuu maddeen himan.

Jiraattotni ganda Dhakaa Kaatee akka jedhanitti, Aadde Sufaalaan nama guddaa ta’uu fi ilmaan ishee guddifachuuf kan carraaqxu malee siyaasa kam keessaayyuu qooda akka hin qabne himuun, gara jabeeyyiin loltoota  Bilxiginnaa haadhaa fi abbaa Oromoo salphisuu aadeffatan WBO’f nyaata kennita ittiin jechuun arraba safuu ta’aniin arrabsaa garmalee reebanii hidhan jechuun maddee dabaluun eeran. 

Aanichuma magaalaa Furseetti hidhattootni sirnichaa Amajjii 2, 2025 mana qorqorroo kan qonnaan bulaa maqaan isaa Mahaammad Addurroo jedhamuu hulaa cinaan daakanii daawitii isaa irraa caccabsanii deemuu fi magaalaa Fursee keessatti milishoota sirnichaa fi waraana raayyaa ittisa Impaayerattii ofiin jedhaniin dhiittaan mirgoota namoomaa daangaa darbe geggeeffamaa jiraachuu jiraattotni magaalichaa dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version