ONM-ABO Amajjii 26, 2025
Bututtuu impaayera Itiyoophiyaa raafama jabaa keessa seentee jirtu uummata irratti deebisanii dhaabuuf kan dhama’an faashistoonni murna PP, waan ittiin sirna abbaa irree kana badiisa oolchan dhabuun diinagdeen isaanii qilee waan harkaa seeneef jecha, uummata qaala’iisi jireenyaa oliif gadi gochaa jiru irratti waraana bobbaasuun dirqiin fidi ni fiddaa jechuun afaan qawween doorsisanii qabeenyaa isaa saamichaan barbadeessaa oolu.
Aanaa Siree ganda Kolobaa keessatti waraanni goolessaan Bilxginnaa Amajjii 25, 2025 namoota cidha geggeeffachuuf konkolaataa 4’n gara manaatti imalaa jiran daandiitti ba’uun afaan qawween konkolaataa tokko-tokko irraa qarshii kuma kudhan kudhan guuruun, walumaa gala qarshii 40,000 irraa fudhatanii deemuu maddeen ONM’f eeran.

