ONM-ABO Amajjii 25, 2025
Humni dafee qaqqabaa (RSF) mooraa buqqaatota Abu Shuk Sudaan lixaa irratti xiyyeeffate dhukaasa meeshaa waraanaatiin yoo xiqqaate namoonni saddeet du’uu fi kudhanoota hedduun madaa’uu koreen gargaarsaa Jimaata gabaase.
Koreen balaa tasaa Abu Shuk kan aktiivistootaa fi tola ooltota gargaarsaa irraa ijaarame ibsa baaseen hidhattoonni RSF Jimaata kaleessaa mooraa El Fasher keessatti argamu meeshaa waraanaa cimaatiin dhukaasa cimaadhaan rukutaniiru.
Akkasumas RSFn dhukaasa meeshaa waraanaa 177 ol mooraa kana irratti dhukaasuun namootni saddeet du’uu fi kudhanoota hedduun madaa’uu, akkasumas manneen jireenyaa fi dhaabbilee hedduu barbadaa’uu ibseera.
Wal-dhabdeen waraana Sudaan fi RSF walakkeessa baatii Ebla bara 2023 eegale lubbuun namoota 20,000 ol galaafatee, namoota miliyoona 14 qe’ee isaanii irraa buqqa’uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi aanga’oonni biyya keessaa himan jechuun France 24 gabaaseera.

