ONM-ABO Amajjii 26, 2025
Waraanni maafiyaan PP Amajjii 25, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa gara aanaa Lataa Sibuu ganda Baabboo Buundiitti bobbaafamuun dargaggoota sadii kan maqaan isaanii: Maatii Bushaa, Gaarii Baaruu fi Gabayyoo Tashoomaa jedhaman qabuun isin seelii Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun rasaasa itti roobsuun oggaa deeman dargaggoo Gabayyoon madoo cimaan hafee kanneen hafan lubbuun darbuun beekameera.
Oduu saamichaan ammoo ganda Talaamsoo Dambii jedhamu keessaa torbeema kana keessa ergamtoonni qabeenya Uummata Oromoo saamanii garaa isaanii furdifachuuf jooran loltoonni maafiyaan PP, sababa tokko malee nama Asaffaa Taaddasaa jedhamu mana dhugaatii isaa cabsanii seenuun dhugaatii alkoolii Biiraa saanduqa 15 fi gosoota akoolii kanneen biroo hedduu dabalatee akkasumas, maallaqa guddaa kuusaa maallaqaa keessa jiruu fi qabeenya inni qabu tokko osoo hin hambisin hanga cittuu moofaatti guutummaan jalaa saamanii deemuu maddeen ONM’tti himan.
Akka maddeen himanitti, Asaffaan hojii dhuunfaa isaa qofatti bobba’ee kan hojjetuu fi siyaasa kam irraas walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun saamicha hamaa kanaan dinagdee isaa golgoleessuun, innis yeroo ammaa sababuma kana irraan kan ka’e sammuun isaa tuqamee of wallaaluun sadarkaa qullaa buusuu irra ga’ee jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

