Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti dargaggessi tokko waraana faashistii PP’n ajjeefame

ONM-ABO Amajjii 30, 2025 

Murni abbaa irree Bilxiginnaa hawaasa meesha maleessa bu’aa siyaasa isaaf jecha loltoota isaa itti bobbaasee ajjeesuu itti fufee jira.

Bifuma kanaan tiksitoonni barcuma Abiy Ahimed kaleessa Amajjii 29, 2025 Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Shuubii Gamoo keessatti barataa kutaa 12’ffaa kan ta’e nama maqaan isaa Fittaalaa Ayyaanoo jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.

Lukkeen Bilxiginnaa ol adeemaa Oromoo kana yakka tokko malee ajjeeses kaabinee maqaan isaa Tamuu Oogatoo ta’uun barameera.

Waraanni faashiistii PP namuusa waraanumma hin qabne kunneen gochoota fokkisoo ajjeechaa suukkaneessaa fi sarbamiinsa mirgoota namoomaa raawwachaa jiraniin guyyuu qe’een uummata Oromoo goolamaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version