Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Haroo Limmuutti miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerrattii tokko meeshaa guutuun WBO’tti makame

ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025 

Murni Bilxiginnaa halkanii fi guyyaa  dachee Oromiyaa dirree boo’ichaa fi gaddaa taasisuuf kan ifaaju, osoo haadhaa fi abbaan daa’imman isaaniitiif imimmaan roobsanii dargaggootaa fi daa’imman fedhii fi jaalala isaanii malee dirqiin mooraa waraanaatti guuraa jira.

Haa ta’u malee sabboontonni ilmaan Oromoo ijaaramuu impaayerattiitti hin amannee fi dhiibbaa sirnichi saba Oromoo irratti taasisu hubatan, mooraa cubbuu dhiiga kichuuwwan Oromoo kumaatamaan dhangalaase hin tumsinu jechuun guyyuu abdii fi egeree Oromoo fi Oromiyaa kan ta’e gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamuu cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Amajjii 31, 2025 miseensi Raayyaa Ittisa impaayerattii kan sabaan Oromoo ta’e tokko godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu irraa WBO onicha keessa socho’utti harka kennachuu maddeen WBO gamasii ONM’f eeraniiru.

Gama meeshaatiin qawwee AKM 1, rasaasa 90 fi gumbii 3 mooraa cubbuu Bilxiginnaa keessaa baasuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.

Moise en’s loltuu murna Bilxiginnaa duraanii  kun nagaan WBO bira gu’uutti gammaduu himuun, dhuma irrattis loltoonni akka koo fedhii malee dirqiin mooraa Bilxiginnaa keessa jirtan danuu akka taatan nan beeka kanaaf mana impaayerattii keessa teessanii qawwee diinaa baachuun uummata keessan irratti gocha fokkataa hojjechuu irra yeroon dirree haqaatti dabalamaa WBO waliin Oromiyaa bilisa baasuuf hiriiraa jechuun dhaamsa isaa dabarfateera.

Exit mobile version