ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025
Tibbana akkuma guutuu Oromiyaatti loltoonni murna Bilxiginnaa dirqii fi goyyomsaan qabamanii dirree waraanaatti geeffamuun sirnicha tajaajilaa turan, sirnichi cubbamaa ta’uu fi uummata Oromoo bakka bu’uu akka hin dandeenye gaafa baran qawwee fi hidhannoo isaanii qabachuun sirnicha gananii WBO’tti harka kennachaa jiru.
Amajjii 29, 2025 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee magaalaa Baatee irraa Poolisiin sirnichaa sabaan Oromoo ta’e tokko isnaayippera tokko qabachuun gooticha waraana Bilisummaa Oromoo aanaa Baatee keessa socho’u bira nagaan ga’ee jiraachuu hoogganaan WBO bakkichaa ONM’tti himaniiru.
Miseensi Poolisii murna Bilxiginnaa duraanii kun simannaa ho’aa WBO’n taasiseefitti gammaduun, nagaan WBO bira ga’uu kootti baay’een gammada, gamanumaan ammoo hawaasan irraa dhaladhe kanin kaleessa beekaas ta’e osoon hin beekin dararaa ture dhiifama gaafadheen gara fuulduraatti ammoo abdii saba isaa kan ta’e WBO waliin hiriireen uummata koof qabsaa’a jechuun dubbateera.
Dhuma irrattis loltoota sirnichaa mooraa diinaatti hafanii saba isaanii dararaa jiraniif dhaamsa dabarseen, qawwee garboomfataa baattanii saba keessanitti dhukaasuu irra saba keessaniif dhukaastanii du’a seenaa qabu du’uu wayya, qawwee fi hidhannoo keessan qabachuun qabsoo haqaa ABO-WBO’n geggeeffamaa jirutti yeroodhaan dabalamaa jechuun dhaamsa isaa dabarseeraaf.

