Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Baateetti hidhattootni murna Bilxiginnaa dhukaasa walii isaanii irratti bananiin poolisiin tokkoo fi milishaan tokko battalumatti lubbuun darbuun himame

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2025 

Waxabajjii 21, 2025 aanaa Baatee ganda Gaayroo bakka addaa Arrabbaa jedhamutti Poolisoonnii fi milishoonni sirnichaa WBO’tu naannicha keessa sochoo’a maqaa jedhuun eegumsa naannoo irra turan dhukaasa walii isaanii irratti bananiin poolisiin maqaan isaa Huseen Caffee jedhamuu fi milishaan Sayyoo Ahimadee jedhamu battalumatti ajjeefamuu odeessi mooraa murna Bilxiginnaa irraa ONM dhaqqabe ni addeessa.

Sababni ajjeechaa isaanii inni ijoonis poolisiin ajjeefame kun hidhata WBO qabda jechuun milishaa Sayyoo kaballaan, milishaan kunis poolisichatti dhukaasuun kan ajjeese oggaa ta’u, poolisonni kaan ammoo milishichatti dhukaasuun ajjeesuu dubbatu.

Caasaaleen Bilxiginnaa yeroof namootatti fayyadamuun ergamaa fi dantaa dhuunfaaf jecha wal-ajjeesuu, qooddaa sanyummaa adeemsisuu fi kanneen biroo raawwachuun ala namummaan kan itti hin dhaga’amne kanneen hidhata WBO qabu jechuun shakkan qorrannoo tokko malee ajjeechaa fi hidhaa irratti raawwatu.

Mooraan murna Bilxiginnaa dabaa fi cubbuun ijaaramtee xiqqaa fi guddaan jibbamuun  kan yeroo kamuu caalaatti tibbana diigamaa kan jiru yoo ta’u, akka ragaaleen mul’isanitti loltootni sirnichaa qawwee lafa kaa’uun huccuu jijjiiratanii keessaa baduu, meeshaa isaanii qabachuun WBO dabalatee qaamota hidhatanii socho’anitti baay’inaan harka laattachuu fi walii isaanii irratti dhukaasa banuun wal ajjeesaa fi madeessaa jiraachuun kan beekamuuudha.

Exit mobile version