ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025
Yuunivarsiitii fi dhaabbilee barnoota olaanoo adda addaa irraa Bilxiginnaan harka tokkoon gama siyaasaan barattoota yakkee: hidhuu, ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuun dararaa, gama kaaniin immoo, haalduree barnootaaf mijachuu qaban mijeessuu dhabuun barattoota rakkoo hamaaf saaxilaa jira.
Yuunivarsiitii Wallaggaatii ibsaan barattoota jalaa erga badee guyyoota kan lakkoofsisee fi ibsaan irra deddeebiin waan baduuf rakkoo hamaan isaan mudachuu barattoonni dubbisne ONM’tti himan.
“Ibsaa malee waan tokko barachuun nutti ulfaata. Mana dubbisa kitaabaa, kutaa ciisichaa, daree barnootaa fi kutaa yaaliitti ibsaan hin jiru taanaan waanti barumsa jedhamu ni ulfaata. Yoo rakkoon tokko nu mudate illee bilbilli keenya ibsaa hin qabu taanaan, waan ittiin maatiitti bilbilannu hin qabnu. ‘Lap top’n’ immoo akkuma beekamu, ibsaa irraa fagaannaan gatii hin qabu. Waanti irraa qo’annu achirra jira” jechuun barataan Yuunivarsiitii sanaa rakkoo nageenya isaaf akka maqaan isaa xuqamu hin feene Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himee jira.
Yuunivarsiitii sana keessatti, rakkoolee hedduun kanneen akka nyaataa, bishaanii fi daandiin wal qabatan danuun jiraachuu fi Yuunivarsiitii kana malees, magaalaa Naqamtee guutummaa keessaa ibsaan bakka tokkoo yoo ifu bakka birootii ammoo, dhaamee rakkoo hamaaf saaxilee jiraachuunis barameera.

