Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

G7 haleellaa M23 baha Koongoo keessatti raawwate balaaleffachuun, eegumsi hatattamaa lammiilee nagaaf akka godhamu gaafate

ONM-ABO Guraandhala 3, 2025 

G7’n Dilbata kaleessaa haleellaa M23 baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti gaggeeffamaa jiru balaaleffateera.

Ministiroonni haajaa alaa Kaanaadaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, UK, fi US akkasumas hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa ibsa kennaniin, “M23 fi Raayyaan Ittisaa Ruwaandaa (RDF) haleellaa isaanii akka dhaaban dhaamaniiru.”

Kallattii hundaan” jechuun “eegumsa hatattamaa lammiilee nagaaf” akka godhamu gaafataniiru.

Gareen Ruwaandaan deeggarama jedhame kun torbee darbe haleellaa guddaa kan jalqabe yoo ta’u, boodarra magaalaa Gooma qabadheera jedheera; Ruwaandaan garuu garee kana akka deggartu ni haalti.

Ministiroonni dhimma alaa G7 ”deggarsi kallattiifi al-kallatti hunduu” M23 fi gareewwan hidhatan mootummaa hin taane hundaaf Koongoo keessatti godhamu akka dhaabbatu gaafataniiru.

“Bu’aa hamaa haleellaan M23 fi RDF haaromfame, haala namoomaa duraanuu rakkisaa ta’e hammeessuu isaa ni gaddina,” jedhan ministiroonni.

Gareen kun dantaa Tuutisii lammii Koongoo xiqqaa, kanneen hawaasa Tuutisi Ruwaandaa waliin hariiroo sabaa qabaniin loogiin irra gaha jedhan falmaan jira jedha.

Haleellaan kanaan naannichatti rakkoon gargaarsa namoomaa daran hammaatee, hanqina nyaataa, bishaanii fi buqqa’iinsi akka uumamu UN fi qondaaltonni himan jechuun BBC’n gabaaseera.

Exit mobile version