ONM-ABO Gurraandhala 3, 2025
Murni darabee darabeen impaayerattii geggeessaa har’aan ga’an baroota dheeraaf saba Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti ajjeesaa, hidhaa akkasumas buqqisaa akkuma turan, murni Bilxiginnaa ammoo daranuu meeshaalee gurguddaan waraana isaa waliin dabaaluun qe’ee Oromoo barbadeessuu irratti argama.
Akka kanaanis godina Lixa Shaggar aanaa Noonnoo ganda Galmoo Warabbootti Guraandhala 1, 2025 waraanni Bilxiginnaa uummata nagaatti moortera dhukaasuun loon 15 ol ajjeesuun beekameera.
Torbanoota kana kutaalee Oromiyaa Lixa Shaggar, Kaaba Shaggar, Kibba Lixa Shaggar akkasumas godina Gujii lamaanitti meeshaalee gurguddaa loltoonni Abiy Ahimed darbachaa jiraniin miidhaan qabeenyaa fi lubbuu namootaa irra akka ga’e jiraattonni ibsaniiru.

