ONM-ABO Gurraandhala 11, 2025
Murni gabroomfataan PP dinagdeen isaa laamsha’uu hoggaa of irratti baru maqaa gosa kaffaltii waliin isaa hin beekamnee fi nagahee hin qabne da’oo godhachuun ergamtoota isaa Oromiyaa cufatti bobbaasee afaan qawween dirqamsiisuun jiraattota irratti saamicha hamaa geggeessaa jira.
Aanaa Baddannoo magaalaa Furdaa jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa qarshii hanga fedhan gaafatanii akkuma guurrataa turanitti, amma immoo haala duraan barameen olitti daldaltoota horii daldalanii jiraatan irratti saamicha raawwachuu cimsanii kan jiran ta’uu maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa ”hayyama hojii fi uffata seeraa hin qabdan” jedhuun sababoota sobaa duraan himamanii hin beekne itti dhahuun kanneen baay’inaan 300 ol ta’an Guraandhala 8, 2025 ukkaamsuun hidhaatti darbatanii jiraachuun dabalataan ibsameera.
Kantiibaa magaalaa Furdaa kan ta’e namni maqaan isaa Kamaal Hasan jedhamu jaleewwan isaa hunda daldaltoota kanneenitti bobbaasuun hidhee “qarshii 500 fiddan malee hin baatan” jechuun itti dhaadachaa jiraachuu maddeen ibsanii jiru.

