Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamii keessatti ergamtoonni Abiy Ahimed jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu hammeessan

ONM-ABO Gurraandhala 11, 2025 

Bututtuu impaayera Itiyoophiyaa ekeraa Minilikiin hargantu suphuuf kan ifaajan ergamtoonni Bilxiginnaa, wayita ammaa goleewwan Oromiyaa cufa irraa bifa adda ta’een jiraattota jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran ta’uun ni beekama.

Akka kanaanis aanaa Gidaamii ganda Soyii jedhamu irraa Guraandhala 3, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Durqee Baay’isaa,
  2. Qaddamaa Fiqaaduu,
  3. Mahaammad Waggaarii,
  4. Taakkalee Makuraa,
  5. Tasfaayee Dassa’uu fi 

kanneen biroo hedduu ta’an ergamtoonni sirnichaa fedhii isaanii malee dirqamaan leenjii waraanaaf ukkaamsanii jiraachuu jiraattonni gandichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gandicha keessaa jiraattota leenjii waraanaaf ukkaamsuun jabaatee ittuma fufuun, Guraandhala 8, 2025 namoota ukkaamfaman keessaa kan maqaan nu ga’e:

  1. Milkiyaas Raagaa,
  2. Guutaa Taaddasaa,
  3. Addisuu Gabiruu,
  4. Geetaachoo Mika’eel,
  5. Bulchaa Daargee,
  6. Asfawuu Kabbadaa fi 
  7. Tolasaa Alamuu kanneen jedhaman ta’uun ifoomeera.

Namoonni kunneen dhukaasni irratti banamuun kan ukkaamfaman ta’uunis dabalataan ibsameera.

Exit mobile version