Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Paartileen Oromoo Mootummaa Abba Irreef Tumsa Tahuu Dhaabuu Qabu, Aadaan Oromoo Eegamuu Qaba! (Ibsa ABO-WBO)

Ummattoota biyyittii hunda waliin waraana keessa kan jiru Abiy Ahmed, Oromiyaa keessatti tarkaanfii abdii kutannaatti deebi’eera. Bara darbe qofa, uummata Oromoo gabrummaa jalatti hambisuuf karoora gara garaa inni baase guutummaan guutuutti kufee jira. Waraana nagaa fakkeessuun uummata gowwoomsuuf yaalee – karoorri kun ni kufee. Yakka suukanneessaa Dharraa (Shawaa Kaabaa) keessatti raawwateen walitti bu’iinsa Oromoo fi Amaaraa jabeessuuf yaalee—kufee jira. Walitti bu’iinsa amantii kakaasuuf Arsiitti yaalee—kufee jira. (Garuu, Ajandaa kana Jimmaa keessatti fi bakka biraa keessatti itti fufeera.)

Battala uummata Oromiyaatti walitti qabu mara  “Nuti Mootummaa Oromoo ti” jechuun labsuun yakka Oromoo irratti raawwate dhoksuuf yaalee – sunis kufee jira. Miseensota WBO ari’amanii fi loltoota isaa “Shanee” walitti qabee akka gareen WBO tokko harka kennateetti fakkeessuuf yaalee – sunis harkatti kufe. Olola “gareen WBO tokko harka kennachuu” dhugaa fakkeessuuf WBO naannoo Shawaa keessaa dhabamsiisuuf yaalee, WBOn Giddu Galaa inumaayyuu jabaatee bahuun – sunis harkatti kufe. WBO Lixa Oromiyaa dhabamsiisuuf tarsiimoo  waraanaa hedduu fudhatee yaale- sunis harkatti kufe. Waraana Keeniyaa WBO

Kibba Oromiyaa irratti kakaasuuf yaalee—ammas harkatti kufe.

Amma immoo, shiftoonni mootummaa ofiin jedhan kun shira lama irratti fuulleffataniiru:

1. Paartilee Siyaasaa Oromootti Gargaaramuun Oromoo Deebisanii Garboomfachuu

Abiy Ahimad, yeroo aangoo qabate deggersa guddaa waan qabu fakkaatee ture. Amma yeroo sirnichi ummata biyyattii hunduma waliin wal dhabdee keessa seenee, kana gaaffii ijoo wal gaafachuun gaarii dha: Abiy Ahimad dhugumatti bu´uura hawaasa (constituency) qabaatee beekaa? Yeroo jalqabaa deeggarsa waan qabaachaa ture fakkaachuu malus, haala qabatamaan yeroo tokkollee deggersa dhugaa fi bu´uura hawaasaa qabaatee hin beeku. 

Itiyoophiyaa keessatti bu´uura hawaasaa dhugaa argachuuf yoo xiqqaate: a) Kaayyoo qulqulluu fi ifaa gaaffii uummata wayyabaa ijoo karaa sayinsaawaa ta´e xinxalanii of harkaa qabaachuu gaafata, fi b) Kayyoo sana galmaan gahuuf amanamummaa fi seenaa wareegama barbaachisu kaffaluu qabaachuu gaafata. Seenaan qabsoo haal duree ijoo waan taheef.

Abiy garuu, kanneen keessaa tokko illee hin qabu. Tokkoffaa, mul´ata qulqulluu fi ifaa gaaffii uummata keenyaa ijoo karaa sayinsaawaa ta´e xinxalame of harkaa hin qabu. Mul´anni Abiy Ahmed manneen uummanni dafqa baroota hedduun ijaarrate beenyaa tokko malee diigee paarkii fi ibsaa karaa bukkee ijaaruu qofa. Karoorri siyaasaa isaa federalismii diiguu; mul´anni dinagdee isaammoo mana hiyyeessaa diigee paarkii ijaaruu dha. Dantaa hundee fi hawwii uummata keenyaa irraa dhimma tokkollee akka hin qabne argisiisa. Kan lammaffaa, gaaffii siyaasaa, dinadgee fi hawwaasummaa uummata keenyaaf jecha Abiy Ahmad qabsaa’ees aarsaas baasees hin beeku. Inumaayyuu sirna darbe jalatti, nama qabsaa´ota adamsiisaa, ajjeesisaa, QBO doomsaa ture dha. 

Deggarsi baroota jalqabaa “jijjiramaa” sana Abiy Ahmed argate fakkaatee mul´ate sun karaa lama dhufe: 

  1. Paartiin mormituu jabaan ADWUI/EPRDF bakka bu´u waan hin turreef, Abiy Ahmed akka hoggansa qabsoo Oromoo of fakkeessee of dhiyeessu eyyamneef. Innis bu’aa warraaqsa Oromoo godhee waan of dhiheessuun deggarsa partilee Oromoo irraa maxxannummaan argate. 

Kanaaf waanti deggersaa fi bu´uura hawaasaa Abiy Ahmed fakkaachaa ture sun deggersa keenyaa fi warra biroo isa waliin dantaa yeroof hiriiranii ti malee deggersa wal amantaa, hiree waliin qooddannaa ykn ummata keenyaaf waliin aarsaa baasuu hin turre.

Haa tahu malee, Abiy Ahmed amma karaa deggarsa argate hundayyuu bittinsuun deggersa sana hundummaa dhabee kisaaraa guddaa keessatti argama. Sanaaf fala barbaacha rakkoo siyaasaa fi waraanaa isa mudate dandamachuuf amma immoo Paartilee Oromoo akka ABO fi KFO suuraan itti fayyadamuuf karoorsee jira.

Akka isaan hawwii isaa hojiirra oolchaniif mootummaan kun paartilee Oromoo akka daa´imaatti gowwoomsuun, akka mootummaa ce’umsaa fudhateetti itti himaa jira. 

Abiy Ahmed gaafa “mootummaa cehumsaa” jedhu aangoo laachuufiin mormii isaanii dhabamsiisuu (co-option) fi aangoo isaa jabeefachuu jechuu malee cehumsaa dhugaa akka hin taane jala muramee hubatamuu qaba.

Kana malees, partilee Oromootiin “WBO waliin mariin addaa adeemsifamaa jira” jechuun sobaan of dagachiisaa jira. WBOn garuu, dhugaa lafa jiru sirriitti hubatuun, marii sobaa kana keessa harka akka hin galfatne namni dhimma biyya keenyaa sirnaan hordofu ni hubata. Furmaanni marii gadi fagoo fi bilisaan waltajjii dhabbileen idil-addunyaa taajjaban irratti godhameen hin argamne, Finfinnee harka Abiy Ahmed jalatti walgahii gola keessatti godhamuun argamu jiraata jedhanii yaaduun hin danda´amu. 

Kaayyoon Abiy Ahmed Paartilee Oromoo walitti qabaa jiruufii ifaa dha:

  1. Paartilee Oromootti akka meeshaatti fayyadamee dhiibbaa siyaasaa fi waraanaa gutummaa biyyattiitti isa mudachaa jiran irraa ooluuf. Yaaliin duraan karaa Marii Biyyoolessaa aangoon sossobuu fi ofitti makuuf godhame waan fashaleef yeroo rakkoon isa mudatu gara kanaan immoo carraaqqii godhamu dha.

2.  Haaromsa Aadaa jechuun uummata Oromoo Diguu 

Sirni Abiy Ahmed yeroo ammaa kana akkuma tasaa “Haaromsa Aadaa” jedhuun sagantaa haaraa labsee jira. Sirnuma, aadaa fi safuu Oromoo kan akka kabaja lubbuu namaa, barbaachisummaa nagaa, wal dandahuu mancaasuu irratti bobbahee jirutu “haaromsa aadaa Oromoo” daldalaa bahe.

Haaromsi Aadaa sirnichi labse waan hamaa of duuubaa qaba. Karoorri isaas ifa. Oromoota gidduutti wal diigumsa uumuuf gartuu Oromoo tokko “eegdota aadaa” godhee dhiheessuun warra kaan immoo amantaalee akka Kirisitiyaanaa fi Islaamaa waan hordofaniif “gantuu” aadaa Oromoo jedhee moggaasuun ummata keenya gidduutti wal qoodinsa biqilchuuf summii qophaahe dha. 

Bilxiginnaan garee Oromoo tokkoon, “aadaa Oromoo warra sirriitti eegu”, kaaniin immoo warra amantaa Protestantii fi Islaamaa fudhachuun “aadaa Oromoo gate” jettee ummata keenya jidduutti summii facaasuuf qophiitti jirti.  Sirni bulchiinsa Bilxiginnaa kanuma: ummata Oromoo gidduutti garagarummaa uumuun, kutaaf gareen qoodee Oromiyaa diigu dha. Oromoo fi saboota kaanis walitti buusuun biyya laaffisee keessatti abbaa ta´ee saamicha itti fufuun akeeka isaati.  

Ummanni Oromoo yoomiyyuu mallattoo tokkummaa fi dureessa aadaa, amantii fi waaqeffannaati. Tokkummaan Oromummaa qaba. Aadaan isaa immoo duuressa: duudhaa, amantii fi barsiifata hedduu of keessaa qaba. Aadaan Oromoo reeffas miti. Sirna lubbuqabeessa yeroo irraa yerootti guddachaa, hundee isaa kan akka safuu, nagaa fi walooma otoo hin dagatiin amantiilee adda addda ofitti hammachaa dagaagaa adeemu dha. 

Sirni Abiy Ahmad abdii kutannaa guddaa keessa jiru, gama tokkoon partilee Oromotti gargaramuuf, gama biraan ammoo, aadaa keenya meeshaa wal dhabbii godhachuuf carraaqaa jira. Kanaaf, hoggantoonni paartilee Oromoo, abbootiin Gadaa fi hayyoonni Oromoo gowwoomsaa fi diigumsa aadaa (weaponization of culture) kana dura dhaabachuu qaba. Hooggantoota paartiilee Oromootiin ejjennoo qabdanitti cichaati sirna ummata keenyaa irra deddeebi’ee gane kana waliin hin dhaabbatiinaa jenna. 

WBOn humna cunqursaa diiguun bilisummaa ummata keenyaa mirkaneessuuf ofkenniinsaan itti fufa. 

Qabsoon haqaa fi bilisummaa keenya cimee itti fufa.

Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO 

Guraandhala 16, 2025

Exit mobile version