Gareen Abiy Ahmad, kan siyaasaan kophxaawe, waraanaa harkatti abdii kutate fi kufaatii dinagdee hamaa keessa kan jiru, akkuma barame gara odeeffannoo kijiibaa facaasuu, lola bakka bu’ummaa (proxy) oofuu fi haleellaa ilaalcha amantiif eenyummaa irratti hundaa’e raawwachuutti fuullaffatee jira.
Guyyoota darban keessa, sirnichi oduu sobaa “WBOn PP waliin marii dhoksaa keessa jira” jedhu uumee naanneessaa ture. Ololli kijibaa kun olola kaadireen sadarkaa gadii Oromiyaa keessatti ji’oota darbaniif “dhukaasa qawwee obboloota gidduutti callisiisuu” taasisaa turan hordofee kan dhufe yoo ta’u, “nagaa” warri harka dhiigaa
amma oofaa jiran kun, kan WBO’n armaan dura baatii Ebla keessa akeekkachiisaa ture keessaa isa tokko. Har’a yeroo kijibdoonni Abiy “waraana obbolaa gidduu
dhaabaa” jedhan kanatti Qellam Wallaggaa keessa manneen barnootaa dronii Abiy Ahmediin guyyaa kaleessaa galgalaa fi har’aa gubataa jiru. Ummata fixaa, nagaa
sobaa facaasuun PP haaraa miti; akka tasaa kan uumames miti. Yaalii bu’aa hin qabne, gocha abdii kutannaa, kan Abiy fudhatamummaa fi deeggarsa ummataa sochiin keenya ummata keessatti qabu irratti rarra’uufi. Dhugaan jala murree beeknu, nama
gowwoomsaa fi ajjeechaa akka beekumsaattii fi meeshaa bulchiinsatti dhimma bahu
jalatti tasgabbiin waaraan uumamuu hin danda’u.
Meeshaan Abiy ammas irra deddeebiidhaan itti fayyadamu kan biraa qoqqoodinsa sabaaf amantaati. Abiy bara darbe kutaalee Oromiyaa, Jimmaa fi Arsii keessatti
jeequmsa bal’aa qabsiisuuf yaalee kan dadhabe yoo tahu, dhiheenya kana ammoo kutaa Arsii keessatti, karaa “Shanee” isaa lola bakka bu’iinsaa lolchiifachuuf hidhachiisee Oromiyaa keessatti bobbaafateetiin hawaasa Kiristaanaa Ortodoksii irratti haleellaa raawwatee jira. Dhiyeenya kana Naannoo Amaaraa fi Tigraay
keessattis humnoonni lola bakka bu’iinsaaf tolfaman sirnichaan kan bobbaafaman yoo ta’u, kunis Abiy guutuu biyyattii keessatti gama tokkoon akka nama ibidda
qabsiisuutti, gama biraan ammoo akka nama abidda dhaamsuutti gara lamatti lubbuu lammileen taphachuuf karoora qabaachuu isaa agarsiisa.
Yaalii burjaajii Abiy kan irra deddeebiidhaan “Mootummaa Oromoo” of fakkeessee dhiyaachuuf taasise ummanni keenya irraa fudhachuu dideera. Ejjennoon kun cimee itti fufu qaba. Jabaadhaa, hoggantoota dhugaa qabsoo keenyaa waliinis ta’uun socho’uun itti fufa. Guutummaa Oromiyaa fi sanaan alattillee humni siyaasaa
Oromoo jabaan — WBO, hoggantoota mormitootaa amanamoo, fi namoota Sirna PP
keessaa taa’anii saba isaaniif hojjetan walitti fiduudhaan humni Oromoo jabaan dhalatee jira.
Hawaasni idil-addunyaas saffisaan tarkaanfii fudhachuu qaba. Biyyattiin balaa hamaa dabalataa Abiy itti fidaa jiruun kufaatii hamaatti seenaa jirti. Biyya diinagdeen kufaatii balaafamaa keessa jirutti, bakka miseensi waraanaa bittinnaa’aa jirutti
akkasumas dippilomaasiin kufee jiru keessatti, Abiy Ahmad waraana haaraa balaan isaa daangaa Itoophiyaa keessatti daangefamee hin hafne, ka biraa qabsiisuuf
qophaa’ee jira. Wixineen lola haaraa kanaa hanqaaqamee yeroo dheeraaf minjaala Abiy gubba kan bubbule yoo ta’u, lola kana callisanii laaluun gatiin inni nama kaffalchisu kan madaalamuuf deemu, gama jireenya ummata keenyaa golgoleessuu qofaan osoo hin taane tasgabbii dhabiinsa Gaanfa Afrikaa keessatti dhalchuus ta’uuf
deema.
Ajaja Olaanaa ABO-WBO
Sadaasa 7, 2025

