Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Paakistaanitti dhoo’iinsi namoota 11 naannoo tokkotti ajjeesu qondaaltonni himan

ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025 

Boombiin konkolaataa albuuda dhagaa boba’aa fe’u irratti xiyyeeffate kibba dhiha Paakistaan ​​keessatti yoo xiqqaate namoota 11 ajjeesee, namoota 6 madeesse jechuun qondaaltonni biyya keessaa Jimaata kaleessaa himan.

Konkolaataan fe’umsaa kun hojjettoota kana gara albuuda naannoo Harnayi bulchiinsa Balochistan, bakka Paakistaanotni ​​qabsoo adda bahuu itti qabsaa’aa jiranitti raawwate.

”Meeshaaleen dhoo’aa ta’e gama daandii irratti dhaabame kunis yeroo albuuda baastonni konkolaataa fe’umsaan bakka sana gahan dhoo’e,” jedhan qondaalli gargaaraa waraanaa tokko.

Qondaalli kun eenyu akka ta’e kan hin beekamne yoo ta’u, meeshaa fageenya irraa hojjetame ta’uu mala jedhan.

Gareen kamiyyuu haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa hin fudhanne.

Itti aanaan komishinara naannichaa Hazrat Wali Agaa akka jedhanitti albuuda baastonni 17 konkolaataa fe’umsaa keessa turan yeroo boombiin kun dhoohe.

Doktarri hospitaala naannoo sanaa akka jedhetti, namoota madaa’an keessaa lama haala yaaddessaa keessa jiru.

Baaloochistaan albuudaan badhaate, kan Iraanii fi Afgaanistaan daangessitu keessatti gareewwan Baalooch adda ba’uu barbaadan fincila waggoota kurnaniif geggeessanii jiru. Hidhattoonni Islaamummaas naannoo sanatti hojjetu jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version