ONM-ABO Sadaasa 17, 2025
Kibba baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) keessatti albuuda koobaaltii irratti riqichi jigee yoo xiqqaate albuuda baastonni 32 akka du’an qondaalli mootummaa naannichaa Wiixata ibsaniiru.
Riqichi kun Sanbata darbe naannoo lolaan guutame kan albuuda bulchiinsa Luwalabaa keessatti argamutti gadi bu’uu isaa ministirri biyya keessaa naannoo sanaa Rooy Kayumba Mayonde ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin himaniiru. Reeffi namoota 32 argamuu fi kanneen biroo sakatta’amaa akka jiran himaniiru.
DRCn dhiyeessii koobaaltii addunyaa keessaa %70 ol kan oomishtu yoo ta’u, baatirii konkolaataa elektirikii, kompiitara laptop hedduu fi bilbiloota harkaa keessatti fayyadamaniif barbaachisaa dha.
Namoonni 200,000 ol ta’an albuuda koobaltii gurguddaa seeraan alaa biyya giddu galeessa Afrikaa keessatti hojjechaa akka jiran tilmaamameera.
Aangawoonni naannoo akka jedhanitti riqichi kun kan jige albuuda Kaandoo kan magaalaa guddoo bulchiinsa Luwalabaa Kolwezi irraa gara kibba bahaatti gara kiiloo meetira 42 fagaatee argamutti.
“Sababa rooba cimaa fi balaa sigiga lafaatiin bakka sanatti akka hin seenne sirnaan dhorkamee jiraatus, albuuda baastonni seeraan alaa humnaan gara bakka dhagaan kun ba’utti seenan,” jedhan Mayondeen.

