Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti saamicha uummata irratti hammeessan

ONM-ABO Gurraandhala 17, 2025 

Gufuu jireenya ilmaan Oromoo kan ta’an ergamtootni murna Bilxiginnaa dantaa yeroof bitamuun, guyyaa dhufee darbuun ilmaan Oromoo boochisaa kan oolan, aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Tummee Waatoo keessatti torban kana keessa horii uummataa saamuun qalatanii nyaachuun gabaafameera.

Namoonni horiin jalaa saamame kunneenis, Taarikuu Mul’ataa jalaa sangoota 2, Taammiruu Caakkaa jalaa sangaa 1, Milkii Dibaabaa fi Dibaabaa Duumessaa jalaa ammoo loon 8 re’oota 5 fi hoolota 11 fudhatanii mooraatti galfachuun qalatanii nyaachuu maddeen ONM’f eeraniiru.

Waraanni PP qe’ee uummata Oromoo golgoleessuu irratti hojjechaa jiran, uummata qaala’iinsa jireenyaan waadamaa jiru qabeenya isaan bara dheeraa rakkatanii horatanii maatii ittiin jiraachifatan dhuunfaa isaaniif oolfachaa jiru.

Exit mobile version