Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa Aanaa Gudayyaa Biilaa keessatti waraanni faashistii PP mooraa isaanii keessaa miliquun daandii gubbaatti ba’anii uummata saamaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025 

Tooftaa hannaa fi dabaa malee saayinsii waraanaa akkasumas naamusaan ala leenji’anii kan bobbaafaman goolessitoonni waraana Bilxiginnaa, goleelee Oromiyaa cufa keessatti hidhannoo guutuun uummatatti bobba’uun hawaasa bahaa fi gala dhorkaa jiru.

Haaluma kanaan miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii aanaa Gudayyaa Biilaa mooraa sirnichaa Ifa Biyyaa jedhamu irraa namni 2 hidhannoo guutuun miliqanii osoo hedduu hin fagaatin ollaa aanichaa kan ta’e aanaa Baakkoo Tibbee bakka addaa mooraa Chaayinaa jedhamutti daandii gubbaatti ba’uun akka waan sakatta’iinsaaf bobba’aniitti uummata konkolaataan daandii gubbaa deemu konkolaataa keessaa gadi buusuun waan harka jiru cufa bilbilaa fi maallaqa dabalatee irraa saamaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.

Gareen faashistii PP nagaa fi tasgabbii buuseen uummatni akka hin saamne taasisa jechuun holola guyya guyyaan dabaa hojii isaa dhokfatee hololus, loltootni isaa kan armaan dura gamtaan bobba’anii saamaniin alatti gareen miseensota muraasaan keessaa badanii karaatti ba’uu fi qe’ee uummataa keessa deemuun saamicha, gudeeddii fi reebicha raawwachaa jiraachuun barameera.

Exit mobile version