ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Burqituu Oborraa jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa “leenjii waraanaa deemtu” jechuun qonnaan bultoota Oromoo kanneen maqaan isaanii:
- Lammeessaa Tamasgeen,
- Tamee Olii,
- Dhibbaa Olii,
- Taa’oo Tashoomaa fi
kanneen biroo baay’inaan 17 ol ta’an torban tokko dura ukkaamsuun fuudhanii yoo deeman, qonnaan bultoonni kunneen hanga ammaatti achi buuteen isaanii dhabamuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haati Taa’oo bakka mooraa leenjii waraanaa Bilxiginnaa fi manneen hidhaa godinichaa hunda sakatta’uun erga dhabdee abdii kutachuun qoricha nyaattee of ajjeesuun ishee baramee jira.
Aanaadhuma kana ganda Lootii Aannoo jedhamu irraa bifuma walfakkaatuun, torban tokko dura qonnaan bultoonni maqaan isaanii:
- Alamuu Mangistuu,
- Bokee Booraa,
- Dinqaa Toobbarraa fi
kanneen baay’inaan 13 ol ta’an maqaa leenjii waraanaan ukkaamfamuun bachi buuteen isaanii dhabamuun dabalataan ibsameera.
Akka aanichaatti, qonnaan bultoonni baay’inaan 30 ol ta’an bakka isaan jiran kan hin beekamnee fi du’aa fi jiraan isaanii kan adda hin baane yoo ta’u, maatiin qonnaan bultoota kanneenii Ijoolleen isaanii kun bakka jiru jedhanii itti shakkan hunda gaafatanii dhabuun eeramee jira.

