ONM-ABO Gurraandhala 20, 2025
Utubduu impaayera dulloomtuu kan ta’an ergamtoonni murna Bilxiginnaa uummata dararuu malee yeroo tokkoof uummataaf bu’aa buusanii kan hin beekne guyyaa dhufee darbuun maqaalee garaa garaa itti maxxansuun uummata Oromoo ajjeesuu, ukkaamsuu, hidhuu fi saamuu jabeessanii jiru.
Gurraandhala 18, 2025 halkan keessaa toora sa’a 6:00’tti goolessitoonni sirnichaa aanaa Sayyoo ganda Yangii keessaa namoota 17 mana isaanii keessaa ukkaamsuun dhabamsiisanii jiraachuu jiraattotni ONM’f eeranii jiru.
Namoota ukkaamfaman keessaa muraasni kan maqaa arganne:
- Faaris Zeenuu,
- Maammad Xaayir Zeenuu,
- Abdoo Ibraahim,
- Hasaddiin Habshiruu fi
- Ballaxaa kanneen jedhaman ta’uu jiraattonni gandichaa dabaluun addeessaniiru.
Nagaan ba’ee galuu ilmaan Oromootti yaaddoo jabaa ta’anii kan jiran ergamtootni Bilxiginaa kunneen sa’a fedhanii fi yeroo fedhanitti dirqiin uummata ukkaamsuun teessoo impaayerattii ittiin eeggachuuf jecha xiqqaa fi guddaa beekaa fi wallaalaa akkasumas fayya-qabeessaa fi dhukkubsataa osoo hin jenne humna isaaniitti dhimma ba’uun dirree leenjiitti guuraa jiraachuun gabaafameera.

