ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025
Gurraandhala 23, 2025 godina Boorana Bahaa ona Miyoo ganda Dukkallee Kuraa’aatti daa’ima ganna 14 kan taate shamarree maqaan ishee Waaqoo Moluu jedhamtu bakka isheen horii tiksitutti itti dhaquun gooleessitoonni sirnichaa huccuu ishee irratti cicciruun haala suukkanneessaan gudeeddii irratti raawwachuu maddeen ONM’f gabaasan.
Faashitoonni kunneen haadha irraa dhalataniif illee kabajaa kan hin qabne gandicha keessatti yoo dubbattan isin fixna ittiin jechuun haawwanii fi shamarran Oromoo irratti gudeeddii raawwachaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.
Kana malees guyyaadhuma kana godinichuma ona Gumii Eeldallo ganda Bulbul keesatti waraanni PP jaarsa biyyaa kan ta’an maanguddoo maqaan isaanii Qaallicha Quxii Kottoolaa jedhamu rasaasaan rukutuun yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen keenya gamasii dabaluun ifoomsanii jiru.

