Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattoota Bilxiginnaan godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti gubaatiin manneenii, saamichi qabeenyaa fi doorsisni ulfaataan jiraattota nagaa irratti geggeeffamu jabaatee itti fufe 

ONM-ABO Guraandhala 28, 2025 

Gurraandhala 27, 2025 godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti milishoonnii fi waraanni faashistii PP ganda Dheeraa jedhamutti ganamaan imaluun badii tokko malee qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Kaliil Asukkoo jedhamu jalaa mana qorqorroo tokkoo fi mana citaa tokko mi’a mana keessaa tokko osoo hin baafatin ibidda itti qabsiisanii gubuun, maatii isaa irrattis reebicha hamaa yoo raawwatan, midhaan bool’a tokkoo kuntaala 30 olitti tilmaamamus jalaa baafachuun, qatiyyoo cimdii tokkoo ammoo jalaa ooffatanii deemuu maddeen ONM’tti himan.

Akka jiraattotni ganda Dheeraa jedhanitti, Obbo Kaliil abbaa maatii, qonnaan bulaa fi akkasumas nama siyaasa garee kamiiyyuu hin hordofne ta’uu eeruun, hidhattootni sirnichaa kun nama kana ammaan duras Gurraandhala 24, 2025 mana isaatti imaluun isa mana dhabnaan ilma isaa garmalee reebanii du’aa fi jireenya gidduutti kan argamuu fi guyyuma sana ammoo midhaan manicha keessatti argaman saamuun, qotiyyoo sangaa tokkos jalaa qalachuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama. 

Dabalataan akkuma aanaa Harxummaa Fursee gandoota garaa garaatti ergamtoota maafiyaa PP’n hawaasni nagaan maqaa eegumsa naannoo jedhuun halkan qorra keessaa fi guyyaa ammoo aduu keessatti dararamaa kan jiran ta’uu fi nyaata milishootaa fi waraana raayyaa ittisa impaayerattiif jechuunis ganamaa fi galgala qe’ee hawaasaa irra deemanii waan adda addaa hawaasicha gaafachaa jiraachuu fi yoo namoonni hin qabnu jedhaniin ammoo ilaalcha biroo qabdaan reebaa akka jiran ibsameera.

Exit mobile version