Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa muddama hamaa keessa galuu irraan kan ka’e tooftaa ittiin dargaggoota gara leenjii waraanaatti ergan baafachuun qabuuf qophii xumuranii jiraachuu odeessi keessoo Bilxiginnaatii ONM qaqqabe ifoomse

ONM-ABO Gurraandhala 28, 2025 

Lolli impaayerri Itiyoophiyaa keessaa fi alaan geggeessaa jirtu egeree impaayerattiif humnaa ol kan isa yaaddesse Bilxiginnaan, yeroo gabaabaa keessatti dargaggoota gara leenjii waraanaatti erguuf jecha tooftaa ittiin ukkaamsan bocuun dargaggoota kana qabuuf qophii xumuranii jiraachuu sabboontonni ilmaan Oromoo quuqama saba isaanii qaban keessoo Bilxiginnaatii ONM’tti himanii jiru. 

Tooftaa isaan ittiin dargaggoota kanneen ukkaamsuuf qophaa’aa jiranis:

 1. Mana Puulii bakka dargaggoonni hedduminaan walitti qabamanii jiranitti basaastoota isaanii erganii jeequmsa kaassisuun, sababa kanaanis hidhaatti darbatanii boodarra ammoo mana hidhaatii baasanii gara leenjii waraanaatti erguu.

 2. Karaa manneen barnootaa barataa irratti sababoota garaa garaa funaanuun hidhaatti galchanii achii baasanii fe’uu fi 

 3. Yeroo muraasa qofa leenjitanii magaalaa keessan qofa eeggattu jechuun goyyomsanii gara mooraa leenjiitti erguuf akka ta’e maddeen itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.

“Dargaggoonni Oromoos, shira PP kanatti dammaquun du’a seenaa hin qabne du’uu irraa of baraaruun qabsoo bilisummaa Oromootti akka makaman ibsaniiru.

Exit mobile version