Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti hidhaan loltoota faashistii Abiy Ahimediin lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 2, 2025 

Hidhaa fi ajjeechaa akka hiree saba Oromootti kan ilaalan  shiftoonni faashistii PP guutuu Oromiyaatti waraana isaanii bobbaasuun guyyuu doorsisaa fi namoota nagaa hiraarsuu cimsanii itti fufaniiru.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayineerraa jedhamutti Gurraandhala 24, 2025 loltoonni maafiyaan Abiy Ahimed namoota maqaan isaanii:

  1. Margaa Dabalaa,
  2. Mangistuu Waaqtolee fi 

kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee sobaan yakkuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu jiraataan gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Akka jiraataan kun himetti, namoonni hidhaman kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraanaa Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun hidhuu dubbata.

Dhaloonni baratee biyya jijjiiruu danda’u bu’aa siyaasaa murna tokkoof jecha yakka osoo hin qabaatiin barnoota isaa fi bakkeewwan hojiilee idilee isaarraa ukkaamfamee murtii seeraa tokko malee hiraarfamaa osoo jiru, uummanni Oromoo hin tuqamne kabajamee jiraate jechuun yeroorraa yerootti koloneel Abiy Ahimad ibsa miidiyaaf laatus, dhugaan lafarra jirtu garuu kabajni ilma namaaf malu dhibee  dirreen dimookiraasii lammiileetti dhiphisuun uummatni jiraachuuf yaaddoo keessa galuu  jiraattonni ONM’f yaada isaanii qoodan ibsaniiru.

Exit mobile version