ONM-ABO Bitootessa 4, 2025
Biyyoonni Arabaa fi dhaabbileen mirgaa hedduun murtii Israa’el gargaarsi gara Gaazaa akka hin deemne gochuu ishee balaaleffachuun, beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi seera idil-addunyaa ifatti cabsuudha jedhan.
Israa’el Dilbata dheengaddaa gargaarsa gara Gaazaatti akka hin seenne kan uggurte yoo ta’u, kunis waliigaltee dhukaasa dhaabuu isaa kan garee Falasxiin Hamaas waliin taasisan marsaa jalqabaa sa’aatii muraasa booda.
Marii Hamaas fi Israa’el gidduutti taasisan Masrii fi Kaataar, akkasumas Sa’uudii fi Joordaan, nyaata, qorichaa fi boba’aa gara Gaazaatti akka hin deemne ugguruuf tarkaanfii Israa’el fudhatte qeequun ibsa baasaniiru.
Gocha Israa’el irraa ka’uun koreen idil-addunyaa waldaalee Fannoo Diimaa fi ji’a diimaa akka jedhanitti: “Gargaarsa osoo hin argatin lubbuu namootaa ammas qarqara du’aa jiru jedhe.”
Manni Maree Baqattootaa Noorweeyiif Afrikaa Kaabaa fi Baha Giddu Galeessaa ltti dareektera kan taate Anjelita Kareda gargaarsa ugguruun balaa akka qabu ibsiteetti.
“Mootummaan Israa’el murtii kana hatattamaan duubatti deebisuu qaba. Qaamoleen idil-addunyaa waan humna isaanii keessa jiru waan hunda gochuu qabu jechuu ishee Aljazeraan gabaaseera.

