ONM-ABO Bitootessa 4, 2025
Cunqursaa fi hiraarsaa uummata harka qullaa irratti raawwachuu akka gootummaatti kan ittiin of dhaadu murni abbaa irree Bilxiginnaan Oromiyaa kutaalee gara garaa keessatti gochoota yakkaa fi suukkanneessaa ta’an raawwachuu itti fufe.
Akkuma kanaan murni badiin kun Bitootessa 2, 2025 godina Lixa Shaggar aanaalee akka Dirree Incinnii fi Jibaatitti bobbaafamuun dararaa hamaa raawwachaa turuu jiraattonni kan himan oggaa ta’u, kana malees Gurraandhala 26, 2025 aanaa Dirree Incinnii ganda Tokkee Abuyyee magaalaa Cittuu keessaa:
- Obbo Baqqaalaa Qana’aa jalaa horii 5 fi
- Obbo Geetuu Baqqalaa jalaa horii 6 ooffatanii deemuun beekameera.
Ittuma fufuun aanaadhuma kana ganda Boruu Daggal jedhamu irraa immoo:
- Obbo Shaamballii Damee jalaa loon 1,
- Obbo Mootummaa Teessoo jalaa loon 1 fi farda 1 ooffachuun
- haadha warraa Obbo Shaamballii Damee fi
- Obbo Mootummaa Teessoo ukkaamsanii deemuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.
Oduuma walfakkaatuun aanaa Jibaat gandoota akka Moluu Faallee magaalaa Harreeree jedhamtu keessatti Bitootessa 1, 2025 uummata walitti qabuun reebicha hamaa irraan gahuun, dubartootaa fi shamarran irratti ammoo humnaan gudeeddii raawwachuun miidhaa ulfaataa qaqqabsiisanii jiru.
Kana malees gochi kun ittuma fufuun godina Kibba Lixa Shaggar gandoota aanaa Ammayyaa jala jiran hedduu keessattis waraana faashistii PP’n yakkootni adda addaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuu odeessi gamasii arganne ni addeessa.

