ONM-ABO Caamsaa 19, 2025
Murni impaayerattiin bulchaa jira ofiin jedhu Bilxiginnaan, dirree irratti Waraana Bilisummaa Oromoo lolaan balleessuu waan dadhabeef waraana isaa gara jabeeyyii qe’ee hawaasa Oromoo keessatti bobbaasuun haala duraan baratameen olitti uummata nagaa hiraarsuu itti fufee jira.
Bifuma kanaanis godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Incinnii ganda Buyyamaa Dabballee jedhamu keessatti Caamsaa 16, 2025 jiraataa ganna 70 olii kan ta’an:
- Obbo Galaanaa Qixxaataa fi ilma isaanii
- dargaggoo Biraanuu Galaanaa
jedhamu badii tokko malee mana isaaniitii qabuun reebichaa fi dararaa ulfaataa erga irraan ga’anii booda harka isaanii lamaan duubatti hidhanii bakkoota Waraanni Bilisummaa Oromoo kuusaa qabeenyaa qabu beektu waan ta’eef amma bakka kuusaan sun jiru nu geessaa jechun fuudhanii oliif gadi deemanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Akka maddeen keenya gamasii kun jedhanitti” Obbo Galaanaan jaarsa biyyaati malee nama siyaasaa miti jechuun kan dubbattan yoo ta’u, lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen garuu maqaa sobaa isaan hin qabne itti moggaasuun yakkanii sababa Oromummaa isaanii qofaaf hiraarsaa jiru jechuunis dubbatu.

