ONM-ABO Bitootessa 6, 2025
Bitootessa 4, 2025 aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Furseetti hidhattootni sirnichaa jiraataa magaalichaa dargaggoo maqaan isaa Adam Mahaammad Makkannee jedhamu milishoota PP eegumsa naannoorra jiraniif nyaata baadiyyaatti geessiif wayita jedhaniin, dargaggoon kunis an hojii idilee koofin adeemaa jira jedhee yeroo itti himatu hidhata WBO qabda ittiin jechuun reebicha ulfaataa irraan ga’anii magaalichumatti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni dabaluun ifoomsan.
Oduu saamichaan ammoo magaalaa Kamisee guutummaa keessatti caasaaleen Bilxiginnaa konkolaataan fe’umsaa tokko magaalicha seenee ba’uuf qarshii 1000-2000 konkolaachiftoota dirqiin kaffalchiisaa kan jiran ta’uu fi dabalataan seensa magaalichaa Kaarra Daamii jedhamutti lukkeeleen murna PP daldaltoota huccuu fi kophee gurgurachuuf magaalichatti imalan daandii irratti eeguun baay’ina mi’a isaanii tokko tokkoon lakkaa’anii maallaqa kaffalchiisaa jiraachuu namoonni gochi kun irratti raawwatame Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

