Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni waraana murna Bilxiginnaa lama naannoo Beenishaangul Gumuz irraa ba’uun WBO’tti harka kennatan

ONM-ABO Bitootessa 7, 2025 

Sirni abbaa irree Bilxiginnaan impaayera dulloomte suphuuf jecha ol adeemtota egeree biyyaa ta’an kanneen baratan barnoota isaanii irraa qabuunii fi kanneen hojii dhuunfaa isaaniitti bobba’anii jiran hanga jaarrolee umuriin isaanii waraanaaf hin heyyamamneetti dirqiin guuree qawwee itti hidhee teessoo isaa tikfachuuf bobbaasus keessa taa’aa hin jirani.

Akkaatuma kanaan kaleessa Bitootessa 6, 2025 miseensonni waraana murna Bilxiginnaa lama naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Bildigiluu ganda Daalattii mooraa Allaammuddiin jedhamu irraa ba’uun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo ona mana Sibuu keessa socho’utti harka kennatanii jiraachuu hoogganaan WBO naannnichaa beeksiisee jira.

Miseensonni waraana Bilxiginnaa duraanii kunneen yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti akka himanitti, dirqamaan  qabamanii akka mooricha dhaqanii fi mana hidhaa irraas akka baafamanii geeffaman dubbachuun, yeroo ammaa kana garuu nagaan WBO bira ga’uu isaaniitti guddoo gammadanii jiraachuu ibsataniiru.

Itti dabaluunis kanaan dura quunnamtii dhaba achi keessa akka turan kaasuun sossobbaa fi kijiba Bilxiginnaan achi keessatti ittifamaa turuu illee ibsuun, simannaa WBO’n godheefitti hedduu gammaduun jaalalaa fi naamusa Waraana Bilisummaa  Oromoo kan eegneen olitti argineerra jechuun yaada isaanii irra deebiin ibsaniiru.

Dhuma irrattis, dirqiinis ta’e osoo hin hubatin miseensa waraana impaayerattii ta’uun gocha dabaa uummata isaanii irratti raawwataniif dhiifama gaafachuun, miseensota waraana Bilxiginnaa achi keessatti hafanii jiraniif ammoo yeroodhaan qawwee fi hidhannoo keessan fudhaatii gara irree fi gaachana saba Oromoo isa dhugaa kan ta’e WBO’tti dabalamaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.

Exit mobile version