Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n Baha Wallaggaa Aanaa Limmuu, Lixa Wallaggaa Noolee Kaabbaatti waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabe

ONM-ABO Bitootessa 6, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Noolee Kaabbaa ganda Dulleetti bakka addaa Laga Suphee jedhamutti tiksitoota impaayeraa sakattaaf baate irratti tarkaanfii laalessaa kaleessa Bitootessa 5, 2025 fudhateen 2 irraa ajjeesuun 2 madeesseera.

Guyyuma kana aanichuma keessatti bakka Tiraakterii jedhamutti 1 irra ajjeesuun lama madeessee jira.

Loltoota PP madoo fudhattee deemtu irrattis karaatti eeguun dhukaasa irratti baneen jajjabeen WBO humna diinaa irraa 1 ajjeesee 3 madeessuun sakattaa ishee fashaleesseera.

Murni faashistii PP Waraana Bilisummaa Oromoo cabsinaan shira, hololaa fi lola wal irraa hin cinne labsus, WBO’n karoora isaanii fashaleessuun tarkaanfii miidhaa humna diinaa irraan ga’u fudhatee agarsiisaa jira.

Exit mobile version