ONM-ABO Bitootessa 8, 2025
Xaaliyaan Kamisa dheengaddaa miseensummaa guutuu malee ittisa waloo NATO jalatti Yukireen eegumsa akka argattu yaada dhiheessite.
Muummittiin Ministeeraa Xaaliyaanii Goorjiyaa Meelooniin walgahii hoggantoota Gamtaa Awurooppaa Biraaselsitti taasisaniin kan dubbatan yoo ta’u, loltoota nagaa eegsisan Awurooppaa gara Yukireenitti erguu caalaa ”furmaata guddaa” jechuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Meeloniin keewwata 5-keewwata ittisa waloo isaa dheeressuun caalaatti bu’a qabeessa akka ta’u yaada dhiheessite.
“Kun NATOtti makamuu wajjin tokko miti, garuu Yukireen gaaddisa nageenyaa biyyoonni NATO qaban ni kenna,” jechuun ibsiteetti. “Wabii nageenyaa tasgabbaa’aa, yeroo dheeraa fi dhugaa ta’e ni mirkaneessa-yaadota amma argan tokko tokko caalaa” jechuun dubbatteetti.
Meeloniin yaada ishee keessatti tarkaanfiiwwan nageenyaa filannoo ta’an kanneen akka humnoota nagaa eegsisuu UN bobbaasuu ykn namoota waraanaa dabalataa irratti shakkii qabaachuu ibsiteetti.
“Ergaa nagaa eegsisuu UN dhimma addaati,” jechuun hubatteetti, “misiyoonni akkasii yeroo adeemsi nagaa jalqabame waan bobbaa’uuf” jechuun hubachiifteetti.
Yaadni ishee yeroo jalqabaaf Meloniin nageenya NATO gara Yukireen dheeressuu ifatti kan raggaasise yoo ta’u, yaadni kun keessumaa US irraa qormaata akka qabu beeksifteetti.
Keewwatni 5 NATO akka jedhutti, haleellaan miseensa tokko irratti raawwatame hunda irratti haleellaa ta’ee akka ilaalamu kan jedhu yoo ta’u, yaadni Meelonii haasawa naannoo egeree nageenya Yukireen irratti jijjiirama guddaa akka ta’u taasiseera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

