ONM-ABO Muddee 30, 2025
Pirezidaantiin Yukireen Voldaamer Zelenskiin Wiixata kaleessaa akka jedheitti walgahiin Raashiyaa waliin taasifamuu danda’u eega pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp fi hoggantoonni Awurooppaa waraana Moskoo xumuruuf bu’uura nagaa Yukireen yaada dhiheessite irratti waliigalanii booda qofa.
Gaazexeessitoota Chat WhatsApp irratti haasawa taasisaniin, itti dabaluudhaan, yeroo Kiiv waliigaltee nagaa mallatteessite irraa eegalee wabii nageenyaa Yukireen michoota irraa akka kennamu abdiin qaba jedhan.
Zelenskiin wixineen nagaa bu’uura waraana Raashiyaa xumuruuf qophaa’e waggoota 15f Yukireenif wabii nageenyaa Ameerikaan akka kennitu kan tilmaamu yoo ta’u, Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp wabii hanga waggaa 50 akka kennan gaafachuu isaanii ibsaniiru.

