ONM-ABO Fulbaana 5, 2025
Prezidaantiin Yukireen Voldaamer Zelenskiin haasaa bilbilaa innii fi hoggantoonni Awurooppaa Kamisa kaleessaa Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin taasisaniin qoqqobbii Raashiyaa irratti kaa’amuu fi naannoo qilleensaa Yukireen eeguu irratti mari’achuu isaanii ibsaniiru.
“Haala kana gara nagaa dhugaatti akkamitti akka dhiibnu haasofne. Filannoo adda addaa irratti mari’anneerra, inni guddaan dhiibbaa, tarkaanfiiwwan ciccimoo, keessumaa kanneen dinagdee fayyadamuun, waraana dirqiin akka xumuramu gochuudha,” jechuun Zelenskiin miidiyaa hawaasaa irratti dubbataniiru.
Akkasumas hoggantoonni kunneen haleellaa Raashiyaa irraa “waa’ee eegumsa olaanaa samii Yukireen” irratti Tiraamp waliin dubbataniiru jechuun AFPn gabaaseera.

