Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yeroon waa’ee araaraa dubbatamaa jiru kanatti Raashiyaan diroonii 85 fi misaa’ela tokko Yukireen irratti furguggifte

ONM-ABO Hagayya 17, 2025 

Raashiyaan diroonii haleellaa 85 fi misaa’ela balistikii tokko halkan tokkotti Yukireen irratti furguggifte jechuun Keev Sanbata kaleessaa ibsiteetti. Ibsi kunis hogganaan Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin fi prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp marii isaanii Alaskaa erga geggeessanii sa’aatii muraasa booda.

Walgahiin baay’ee eegamaa ture kan kutaa Ameerikaa fagootti geggeeffame weerara Raashiyaan Yukireen waggoota sadii oliif ture dhaabuuf boqonnaa tokko malee xumurame.

Humni qilleensaa Yukireen akka jedhetti Moskoon “misaa’ela balistikii Iskaander-M fi diroonii gosa Shaahed 85n haleeluu ishee, akkasumas naannoo afur keessatti “naannoowwan sarara fuulduraa” haleeluu isaa ibseera.

Gabaasa guyyaa guyyaa baaseen humni qilleensaa kun haleellaan kun “halkan Hagayya 16” fi Hagayya 15 galgala irraa eegalee – yeroo Puutiin fi Tiraamp marii isaanii gaggeessanitti akka raawwatame ibseera.

Kiiv akka jettetti ittisi qilleensaa ishee diroonii 61 kuffiseera.

Biyyoonni dhihaa lola dhaabuuf waadaa akka seenan ji’ootaaf Kireemlin irratti dhiibbaa taasisaa turanis, walgahiin Tiraamp fi Puutiin dhukaasa dhaabuu irratti waliigaltee tokko malee xumurame.

Hogganaan Yukireen Voldaamer Zelenskiin marii kanaaf hanga ammaatti ifatti deebii hin kennine. Weerarri Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte, kan Puutiin Guraandhala 2022 eegale, namoota kumaatamaan lakkaa’aman galaafateera jechuun AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version