Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleellaa guddaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwachaa jirtuun misaa’elli magaalaa Keev keessatti nama ajjeese

ONM-ABO Ebla 7, 2025 

Haleellaan misaa’elaa magaalaa guddoo Yukireen Keev irratti raawwatame Dilbata kaleessaa ganama raawwate nama tokko ajjeesee yoo xiqqaate namoota sadii madeesse jedhan qondaaltonni magaalattii. 

Haleellaa misaa’elaa fi diroonii guutuu biyyattiitti raawwate yoo xiqqaate namni tokko dabalataan ajjeeseera.

Raashiyaan “kaleessa ganamaan misaa’eloota balistikii, misaa’ela fi diroonii fayyadamuun Yukireen irratti haleellaa guddaa jalqabdee,” jedhan itti aanaan muummicha ministeeraa Yuuliyaa Siviyardenkoon.

Haleellaan misaa’elaa kun kan dhufe erga haleellaan Raashiyaan magaalaa dhaloota pirezidaant Voldaamer Zelenskii keessatti namoota 18 ajjeesee guyyaa lama booda.

Kantiibaan magaalattii Vitaalii Kilitischokoon akka jedhanitti, ogeeyyiin fayyaa gargaarsaa gara kutaalee lamatti ergamuun, humni qilleensaa Yukireen ammoo misaa’eloonni naannoo kaaba Chernihiv seenaniiru jedhan.

“Magaalaa guddoo keessatti dho’iinsatu jira. Ittisi qilleensaa hojiirra jira,” jechuun Kilitischkoon telegram irratti dubbatan.

Haleellaan kun kan dhufe yeroo prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Raashiyaa fi Yukireen gidduutti dhukaasa gartokkee dhaabuuf dhiibanii fi  weerara guutuu Moskoon  waggaa sadii oliif geggeessite qabbaneessuu barbaadanitti jechuun AFPn gabaaseera.

Exit mobile version