Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Jiille Dhummuuggaatti abbootiin amantaa 7 kantiibaa magaalichaan maqaa masgiida ijaartan jedhuun yoo ukkaamfaman, masgiidi ijaaramaa tures milishoota sirnichaan diigame

ONM-ABO Bitootessa 12, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiille Dhummuuggaa ganda Jaarraa Waataatti wayita abbootiin amantaa hawaasa naannichaa waliin mari’achuun masgiida ijaarranna jedhanii walii galuun ijaarsa mana amantaa kana eegalan, Kantiibaan magaalaa Sanbatee Aadde Faaxumaa jedhamtu waraana faashistii PP fi milishoota sirnichaa waliin ta’uun gandichatti imaltee maqaa masgiida “seeraan alaa ijaaruuf deemtu jedhuun doorsisa hammaataa abbootii amantaa kanneen irratti raawwachuun ukkaamsanii hidhaatti darbataniiru.

Abbootiin Amantaa 7 Gurraandhala 28, 2025 hidhaatti darbataman kunneenis: 

  1. dura taa’aa Masgiidichaa Sheek Heedar Mahaammad,  
  2. itti aanaa fi barreessaa isaanii Sheek Aliyyii Muusaa Sayid,
  3. Obbo Awwaluu Muhee Alii sub-qunnamtii hawaasaa
  4. Obbo Mahammad Kichaa,
  5. Obbo Alii Mahaammad Najiib,
  6. Obbo Alimiraa Ahimad Haajii fi 
  7. Obbo Abdallaa Mahaammad Adamee  

kanneen jedhaman hidhaatti darbatanii torbee tokkoo oliif dararaa jiraachuun ibsameera.

Akka jiraattotni aanichaa jedhanitti abbootiin amantaa kunneen masgiida ijaarranna jechuun hawaasa aanichaa cufaa waliin walii galanii hanga magaalaa Kamisee deemuun qarshii namoota irraa walitti qabachaa kan turanii fi adeemsa ijaarsaa irra kan turan oggaa ta’u, lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen ammoo qe’eedhuma jiraattotaatti  maqaa lafa nuti walga’ii irra teenyutti masgiida ijaartanii fi osoo nu hin gaafanne akkamiin ijaaruu eegaltan jedhuun abbootii kanneen hidhaatti darbatan jedhu.

Guyyaadhuma abbootii amantaa aanichaa hidhaatti darbatan kana milishoonni sirnichaa ajaja dabaa Mahaammad Sheek Aliyyii jedhamu irraa fudhatanii bobbaafaman masgiida mana amantaa ganda Jaarraa Waataatti ijaaramuu jalqabee jiru qottoon diiganii bifa nama gaddisiisuun jijjigsanii doorsisaa fi dararaa raawwachaa turus himan.

Dabalataan aanichatti abbootiin amantaa lukkeelee Bilxiginnaan ukkaamfamanii hidhamuu fi manneen amantaa bifa bareedaan ijaaramaa ture hidhattoota sirnichaan diigamuu isaatti kan gaddan hawaasni naannichaa, caasaaleen Bilxiginnaa maqaa nageenya eegsisuu jedhu da’oo godhatanii dhimma amantaa fi siyaasa silaa waliin deemne walitti fiduun mirga amantaa keenyaa sarbanii abbootii amantaa Sheekolee keenyas hidhaatti darbachuun xiin-sammuu abbootii kanneenii fi uummata aanichaa tuqaniiru jechuun miira gaddaan dubbatu.

Exit mobile version