Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Marii Mooraa Oromoo Keessatti Itti Fufee Jiru Ilaalchisee (Ibsa ABO-WBO)

Bu´aan al-kallattii qumaara siyaasaa Abiy Ahmad dhiheenya kana Oromiyaa keessatti eegalsiise irraa argame tokko, mooraa Oromoo keessatti mariin barbaachisaa tahe akka eegalu taasisuu isaati. Keessattuu, mariin kun ummanni Oromoo dhaabbatee ejjennoo hogganoota qabsoo isaa tokko tokkoon akka xiinxalu carraa uumee jira. WBOn, marii akkasii kan gammachuun simatu yoo tahu, bifa kabaja walii eegeenii fi ragaa irratti hundaa’een akka itti fufu jajjabeessa. Himannaan bu’uura ragaa qabatamaa ykn loojikii irratti hin hundoofne kamuu sakatta’amuu qaba. Ibsi kunis, itti gaafatamummaa kanneen keessa muraasa fudhachuuf kan kaayyeffate yoo tahu, tokkoon tokkoon dhimmoota ka’aniitif akkuma barbaachisummaa isaatti gara fuulduratti ibsa bal’aa kennina.  

Mariin ABO fi KFO’n dhiheenya kana Finfinneetti taasisan qama qumaara siyaasaa Abiy Ahmad ta’uun amma nama hundaafuu ifa ta´ee jira. Humnoonni siyaasaa Oromiyaa ijoon, akkasumas hayyoonni xiinxala isaanii ragaa qabatamaa fi sababa (logic) irratti bu’ureeffachuun xinxala taasisan, qumaara kana jala muranii mormaniiru. Hogganni ABO Finfinne jiru, akka amma jechaa jirutti, yaa´ii kana mataa isaatiin of danda’ee kan karoorfate yoo tahes; kiyyoo Abiy tolchetti harkifamee kan seene yoo tahes, bu’aan isaa tokkuma. Adeemsichi to’annoo sirnichaa jala kan jiru yoo ta’u, dantaa sirnichaa akka tajaajiluuf, sirnichaan micciiramaa itti fufa.

Marii dhimma kana irratti mooraa Oromoo keessa deemaa jiru harki guddaan kallattii gaarii, bilchaataa fi kiyyoo Abiy Ahmed fagootti hubachuu irratti kan bu´uureffatee tahuu hubannee jirra. Haata`uutii dhimmoota ragaa yookaan sababa irratti hin hundoofne fi kan burjaajii dhalchan tokko tokko irratti WBO’n yaada isaa akka armaan gadiitti ifa taasisuu fedha:  

  1. Namoonni muraasni xiyyeeffannoon marii deemsifamaa jiruu, qabiyyee ibsa mormitoonni baasanii irratti ta’uu qaba jechuun yoo falman argina. Ilaalchi kun bu’uuraan dogoggora. Adeemsi qabiyyee sana oomishe, sirna Abiy Ahmediin tohatamee akka jiru otoo beekamuu; sirnichi gaaffilee fi yaadota qabiyyee sana keessatti ibsaman hundaaf diina ta´uun isaa otoo ifatti hubatamuu; akkasumas qabiyyeen kun akka faca´u sirnichi sababa dhokataaf galma ga´uuf tahuun nama siyaasa biyya sanaa hordofu hundaaf otoo mul´atuu, qabiyyee sana irratti xiyyeeffachuun kiyyoo diinni qopheesse keessa fedhii ofiitiin utaalanii lixuu dha. Akkuma Abiy Ahmed kitaaba isaa keessatti barreesse, sangaa marga malee qilee hin argine sana ta´uu dha. Namni projektii ABO kana abbummaan duuba jiru Abiy Ahmed, yaadota ibsa partileen baasan sana gadi jabeessee mormuurra darbee, qabiyyeen ibsichaa fedhii dhokataa ta’e galmaan akka isaaf gahuuf, dhimmichi Finfinnee inni to´atu keessaa akka bilisaan tamsa’u taasifame. Kanaafuu, qabiyyeen ibsa sanaa waan cululuqeef, warqee dha jedhanii fudhachuun of gowwomsuu taha. Akkuma duraan ibsine, xiyyeeffannaan kan irratti godhamuu qabu eenyummaa sirna adeemsa kana duuba jiruu fi akeeka inni galma gahachuu barbaade malee qabiyyee gama tokkoon hojiirra hin oollee fi gama biraan gaaffii hedduun irratti ka´uu dandahuun goyyomfamanii kiyyoo keessatti kufuun Oromoo hin madaalu.

Tokkoffaa, yaadni “mootummaa ce’umsaa” ibsa mormitoonni baasan hordofee Oromiyaa keessatti deeggarsa bal’aa yoo argate, Abiy hoggantoota mormitootaa ofitti makuun, deeggartoota isaanii jalaa fudhachuu karoorfatee ture. Dabalataan, suuta suutaan hoggantoonni mormitootaa akka gantootaatti ilaalamanii Oromoo irraa adda citan taasisa; sana booda diraamaa filannoo bara dhufu ittiin abjootuuf Oromiyaa keessa Abiy kophaa gulufa. 

Lammaffaa, Abiy, hoggantoota mormitootaa erga maqaa “mootummaa waloo” jedhuun ofitti makee booda, Hayyu Duree ABO’tti fayyadamee, maqaa “humna ittisa Oromiyaa” jedhuun WBOn akka gara kaampiitti dhufee kiyyoo seenu waamicha gochuuf karoorfatee ture. Abiy Ahmad, waan marii kallattiin Taanzaaniyaatti WBO ofitti makuuf yaalee dadhabe, karaa hoggansa ABO yaalii gochuuf karoorfatee ture. Waan dirree Oromiyaa irratti falmiin dadhabe, HD ABO gargaaramuun hojiitti hiikuu abjooteetu dhimma “Mootummaa Cehumsaa” fi “humna ittisa Oromiyaa” xibaare.  Ammatti gaaffiin guddaan, Hayyu Dureen ABO qumaara kanatti maliif seenanii dha? Otoo hin hubatiin seenanii yoo ta´e, erga qumaara projektii kana duuba jiru WBOn saaxilee booda, “projektiin kun kan keenya” jechaa maliif itti fufani? Kun yoo barbaachise waan itti deebinu ta´a.  

Waggoota jahan darban qofa keessatti, hoggantoonni QBO duranii tokko tokko sirna ummata keenya cunqursu waliin hiriiruun, murtii qabsoo keenya daran miidhu murteessaniiru. Murtiin hooggansa ABO amma Finfinnee jiranii kunis qixuma kanaan sakattahamuu qaba. Murtiin isaan bara 2018 Finfinneetti deebi’uuf fudhatan, murtiin bara 2019tti WBO hidhannoo hiikkachisuuf mallateessanii irratti walii galan, yeroo ammaa ammoo pirojektii Abiy Ahmad waliin hiriiruun socho’uun isaanii madaalamee murtii dogoggoraa tahee seenaaf ol taa´ee jira. Murtiin bara 2018 wixinee jilbeeffannaa Abiy Ahmed fudhachuun godhame dhiibbaa Asmaraa irraa dhufeen ta´uu kan hubannus yoo tahes; akkasumas bara 2019 WBO hikkachiisuuf mallatessuun mirqaana mooraa Oromoo keessatti uumamee tureen ta´uu kan hubannus yoo tahe, murtoon lamaanuu gaaga’ama guddaa hordofsiisanii darbanuu garuu seenaan galmeesseera.  

Dogoggoroonnii amma raawwatamaa jiran garuu kan darban irra daran hammaatoo dha. Kan ammaa kun fedha ofiitiin Abiy Ahmadiif harka kennachuu fi sirna isaa laamsha’aa jiru kana deeggaruuf, dammaqinaan gargaaruuf murtii ofumaan ofirratti kenname tahuu argaa jirra. Yoo barbaachisaa ta’e dhimma kanas gadi fageenyaan kan itti deebinu taha.   

Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO

Bitootessa 9, 2025

Exit mobile version