Bu´aan al-kallattii qumaara siyaasaa Abiy Ahmad dhiheenya kana Oromiyaa keessatti eegalsiise irraa argame tokko, mooraa Oromoo keessatti mariin barbaachisaa tahe akka eegalu taasisuu isaati. Keessattuu, mariin kun ummanni Oromoo dhaabbatee ejjennoo hogganoota qabsoo isaa tokko tokkoon akka xiinxalu carraa uumee jira. WBOn, marii akkasii kan gammachuun simatu yoo tahu, bifa kabaja walii eegeenii fi ragaa irratti hundaa’een akka itti fufu jajjabeessa. Himannaan bu’uura ragaa qabatamaa ykn loojikii irratti hin hundoofne kamuu sakatta’amuu qaba. Ibsi kunis, itti gaafatamummaa kanneen keessa muraasa fudhachuuf kan kaayyeffate yoo tahu, tokkoon tokkoon dhimmoota ka’aniitif akkuma barbaachisummaa isaatti gara fuulduratti ibsa bal’aa kennina.
Mariin ABO fi KFO’n dhiheenya kana Finfinneetti taasisan qama qumaara siyaasaa Abiy Ahmad ta’uun amma nama hundaafuu ifa ta´ee jira. Humnoonni siyaasaa Oromiyaa ijoon, akkasumas hayyoonni xiinxala isaanii ragaa qabatamaa fi sababa (logic) irratti bu’ureeffachuun xinxala taasisan, qumaara kana jala muranii mormaniiru. Hogganni ABO Finfinne jiru, akka amma jechaa jirutti, yaa´ii kana mataa isaatiin of danda’ee kan karoorfate yoo tahes; kiyyoo Abiy tolchetti harkifamee kan seene yoo tahes, bu’aan isaa tokkuma. Adeemsichi to’annoo sirnichaa jala kan jiru yoo ta’u, dantaa sirnichaa akka tajaajiluuf, sirnichaan micciiramaa itti fufa.
Marii dhimma kana irratti mooraa Oromoo keessa deemaa jiru harki guddaan kallattii gaarii, bilchaataa fi kiyyoo Abiy Ahmed fagootti hubachuu irratti kan bu´uureffatee tahuu hubannee jirra. Haata`uutii dhimmoota ragaa yookaan sababa irratti hin hundoofne fi kan burjaajii dhalchan tokko tokko irratti WBO’n yaada isaa akka armaan gadiitti ifa taasisuu fedha:
- Namoonni muraasni xiyyeeffannoon marii deemsifamaa jiruu, qabiyyee ibsa mormitoonni baasanii irratti ta’uu qaba jechuun yoo falman argina. Ilaalchi kun bu’uuraan dogoggora. Adeemsi qabiyyee sana oomishe, sirna Abiy Ahmediin tohatamee akka jiru otoo beekamuu; sirnichi gaaffilee fi yaadota qabiyyee sana keessatti ibsaman hundaaf diina ta´uun isaa otoo ifatti hubatamuu; akkasumas qabiyyeen kun akka faca´u sirnichi sababa dhokataaf galma ga´uuf tahuun nama siyaasa biyya sanaa hordofu hundaaf otoo mul´atuu, qabiyyee sana irratti xiyyeeffachuun kiyyoo diinni qopheesse keessa fedhii ofiitiin utaalanii lixuu dha. Akkuma Abiy Ahmed kitaaba isaa keessatti barreesse, sangaa marga malee qilee hin argine sana ta´uu dha. Namni projektii ABO kana abbummaan duuba jiru Abiy Ahmed, yaadota ibsa partileen baasan sana gadi jabeessee mormuurra darbee, qabiyyeen ibsichaa fedhii dhokataa ta’e galmaan akka isaaf gahuuf, dhimmichi Finfinnee inni to´atu keessaa akka bilisaan tamsa’u taasifame. Kanaafuu, qabiyyeen ibsa sanaa waan cululuqeef, warqee dha jedhanii fudhachuun of gowwomsuu taha. Akkuma duraan ibsine, xiyyeeffannaan kan irratti godhamuu qabu eenyummaa sirna adeemsa kana duuba jiruu fi akeeka inni galma gahachuu barbaade malee qabiyyee gama tokkoon hojiirra hin oollee fi gama biraan gaaffii hedduun irratti ka´uu dandahuun goyyomfamanii kiyyoo keessatti kufuun Oromoo hin madaalu.
- Namoonni biroon, Abiy Ahmed yaada mootummaa ce’umsaa otoo wal irraa hin citin mormaa ture, yeroo ammaa kanatti Finfinnee to’annoosaa jala jirtu irraa akka faca´u maaliif hayyame jedhanii gaafatu. Sababoota ijoo lamaaf yaadni kun akka faca´u barbaade:
Tokkoffaa, yaadni “mootummaa ce’umsaa” ibsa mormitoonni baasan hordofee Oromiyaa keessatti deeggarsa bal’aa yoo argate, Abiy hoggantoota mormitootaa ofitti makuun, deeggartoota isaanii jalaa fudhachuu karoorfatee ture. Dabalataan, suuta suutaan hoggantoonni mormitootaa akka gantootaatti ilaalamanii Oromoo irraa adda citan taasisa; sana booda diraamaa filannoo bara dhufu ittiin abjootuuf Oromiyaa keessa Abiy kophaa gulufa.
Lammaffaa, Abiy, hoggantoota mormitootaa erga maqaa “mootummaa waloo” jedhuun ofitti makee booda, Hayyu Duree ABO’tti fayyadamee, maqaa “humna ittisa Oromiyaa” jedhuun WBOn akka gara kaampiitti dhufee kiyyoo seenu waamicha gochuuf karoorfatee ture. Abiy Ahmad, waan marii kallattiin Taanzaaniyaatti WBO ofitti makuuf yaalee dadhabe, karaa hoggansa ABO yaalii gochuuf karoorfatee ture. Waan dirree Oromiyaa irratti falmiin dadhabe, HD ABO gargaaramuun hojiitti hiikuu abjooteetu dhimma “Mootummaa Cehumsaa” fi “humna ittisa Oromiyaa” xibaare. Ammatti gaaffiin guddaan, Hayyu Dureen ABO qumaara kanatti maliif seenanii dha? Otoo hin hubatiin seenanii yoo ta´e, erga qumaara projektii kana duuba jiru WBOn saaxilee booda, “projektiin kun kan keenya” jechaa maliif itti fufani? Kun yoo barbaachise waan itti deebinu ta´a.
- Haaluma wal fakkaatuun, hooggansi ABO, otoo qabsoo keessatti muuxannoo waggaa 50 qabuu, akkamitti akka salphaatti Abiy Ahmadiin dogoggorfamuu akka danda’e namoota gariitti hiibboo akka tahe argineerra. Kun waanuma eegamu. ABOtu seenaa qaba. Ummati keenya waan ABO fi hoggana isaa irraa eegutu jira. Lafa eegu sanaa gaafa dhabu gaafii kaasuun; hibboo itti ta´uun waanuma eegamu. ABO fi hoggana yeroo yeroon dhufan adda baafnee haa ilaallu. Wareegama fi gumaacha hangafoota keenyaaf kabajaa olaanaa kan qabnuu fi beekamtii maluuf kan kenninu tahullee, murtii fi gocha isaanii ammaa garuu ragaa fi sababa irra dhaabbannee xiinxaluufi wal hubachiisuun dirqama.
Waggoota jahan darban qofa keessatti, hoggantoonni QBO duranii tokko tokko sirna ummata keenya cunqursu waliin hiriiruun, murtii qabsoo keenya daran miidhu murteessaniiru. Murtiin hooggansa ABO amma Finfinnee jiranii kunis qixuma kanaan sakattahamuu qaba. Murtiin isaan bara 2018 Finfinneetti deebi’uuf fudhatan, murtiin bara 2019tti WBO hidhannoo hiikkachisuuf mallateessanii irratti walii galan, yeroo ammaa ammoo pirojektii Abiy Ahmad waliin hiriiruun socho’uun isaanii madaalamee murtii dogoggoraa tahee seenaaf ol taa´ee jira. Murtiin bara 2018 wixinee jilbeeffannaa Abiy Ahmed fudhachuun godhame dhiibbaa Asmaraa irraa dhufeen ta´uu kan hubannus yoo tahes; akkasumas bara 2019 WBO hikkachiisuuf mallatessuun mirqaana mooraa Oromoo keessatti uumamee tureen ta´uu kan hubannus yoo tahe, murtoon lamaanuu gaaga’ama guddaa hordofsiisanii darbanuu garuu seenaan galmeesseera.
Dogoggoroonnii amma raawwatamaa jiran garuu kan darban irra daran hammaatoo dha. Kan ammaa kun fedha ofiitiin Abiy Ahmadiif harka kennachuu fi sirna isaa laamsha’aa jiru kana deeggaruuf, dammaqinaan gargaaruuf murtii ofumaan ofirratti kenname tahuu argaa jirra. Yoo barbaachisaa ta’e dhimma kanas gadi fageenyaan kan itti deebinu taha.
- Adeemsa nagaa Taanzaaniyaa fi qumaara amma Finfineetti deemaa jiru wal bira qabuun madaaluun dogongora. Sababni: (a) Mariin Taanzaaniyaa kan sirnichaan dhuunfatame ykn maallaqa sirnichi too’atuun kan deeggarame hin turre. Jilli sirnichaa mataan isaayyuu maallaqa michoota idiladdunyaatiin gargaaramee maricharratti hirmaate.
- WBOn waa’ee marii Taanzaaniyaa irratti qooda fudhattoota Oromiyaa dhimmi ilaallatu hunda beeksisee ture. Faallaa kanaan, qumaarri Finfinnee kun WBO fi hoggansa isaa dhoksuun, WBOf “gahee” kennuurra darbee, yaa´iin jiraachuullee osoo hin beeksisin tahuun isaa ammoo qumaarummaa dhimmichaa daran saaxila. Jaarsolii achitti argaman keessaa tokko bakka WBOn hin jiretti maaliif dhimmi isaa akka haasa´amaa jiru gaafannaan, sirnichi “Afrikaa Kibbaatti WBO waliin mariin dhoksaa taasisaa jirra” kijiba jedhu deebisuu isaa WBO’n ega saaxilee boodalle, hoganni ABO waan deemaa jiru WBO beeksisuuf hin yaalle.
- Mariin Taanzaaniyaa dhimmoota nageenyaa, siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa kan hammate karoora (roadmap) bal’aa qaba ture. Waliigaltee dhimmoota nageenyaa fi dhukaasa dhaabuu hordofuun, paartileen Oromoo maricha sadarkaa lammaffaa keessatti akka hammatamaniif karoorfamee ture. Haa ta’u malee, mariin sun marsaa duraa nageenyaa buusuu laallaturratti waan kufeef, qamoolee kaan sadarkaa ilaalaturra otoo hin gahiin hafe.
- Itti gaafatamni ABO-WBO hanga gaaffiin ummata keenyaa hundi guutumatti furmaata argatutti qabsoo hoogganuudha. WBOn kan uummataa tahuunsaa kan hin haalamne yoo ta’u, dhugaa kana micciranii fayyadamuudhaan WBO fi hoggansa isaa ammaa gidduutti qoqqoodinsa uumuuf yaaliin godhamu, garuu fudhatama hin qabu. Sirna gara jabeessa qixxee dhabe kana lolaa, humna ittiin boonnu kana taasisee kan ijaare, hooggansa WBO amma jiru. WBO fi hoggansi isaa kan gargar hin bane, tokkoofi tokko tahuusaanii hubachuu feesisa. Ciminni WBO tokkummaa isaa keessa kan jiru yoo ta’u, hooggansi isaas calaqqee fedhii fi murannoo waloo waraana keenyaa fi ummata keenyaati.
- Gareewwan muraasni kan golgaa “hayyummaan” sosso’an, rakkoolee Oromiyaa keessatti mul’ataniif WBO fi sirni abbaa irree kun akka qooda walitti dhiyaatu qabaniitti yommuu akeekan taajjabnee jirra. Yaadonni akkanaa bu´ura beekumsaa yookaan saayinsawaa homaallee hin qaban. Hojiin hayyummaa beekumsaa fi xinxila sababawaa irratti bu´uureffame yeroo hundaa kan jajjabeefamu ta´ee, golgaa “hayyummaa” jala dhokatanii Abiy Ahmediif harka kennachuu sirrii taasisuuf dhama´uun garuu hayyootaa dhugaaf arrabsoo ta´a.
- Namoonni qubaan lakkahaman diyaaspooraa keessa jiran muraasni, dhiibbaan qabsoo Oromoorratti qabaatu waanuma fedhe yoo taheyyuu, qumaara Abiy Ahmad amma gaggeessaa jiru kan deeggaran ta´uu argine. Kana gochuuf mirga guutuu itti qabu. Harka kennatanii Finfineetti deebi´uun mirga. Dogoggorri isaanii WBOn maaliif harka kennatee jilbeeffachuu nu deeggaruu dide jechuu isaanii qofaa dha. Ergaan keenyi ifa: Abiy Ahmediif jilbeeffachuu fi deeggaraa WBO yookaan ummata Oromoo fakkachuun walii fallaa dha. Tokko filadhaa. Qabsoon hamma Oromoo aangessutti itti fufa!
Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Bitootessa 9, 2025
